Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Minniyaapolis Dargaggoo Lammii Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Tokkotti Dhukaasuun Ajjeese 


Namoonni dhibbaan laka’amu wixata galgala buufata poolisii kutaa Minnisootaa fuulleetti wal ga’uu dhaan ajjeechaa poolisiin raawwate balaaleffataniiru.

Poolisiin Minniyaapolis ganda Brooklin Paark senter jedhuu jamaa wal ga’I bittimsuu yaaluuf jecha meeshaa nama hin ajjeesne kan sagalee guddaa fi ifa guddaa qabu akkasumas gaaza itti biifuun gargaarame.

Poolisiin ennaa hiriirtota mormii buufata poolisii sana irraa fageessuuf yaalutti hiriirtota waliin walitti bu’e.

Angawoonni akka jedhanitti hiriirtota keessaa hangi tokko poolisiitti waa darbataa turan, kanneen 40 ta’an to’annaa jala oolaniiru. Mormiin sun kibxata har’aa ganama jalqabe.

Daunte Wright, dargaggoo umurii waggaa 20 lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa yoo ta’u dilbata ibsaa traafikii irra dhaabatee ennaa jiruu ajjeefame.

Hoogganaan poolisii Brooklyn Center Tim Gannon akka jedhanitti polisiin sun dogoggoraan dhukaa’aa elektrikaan hojjetu kan yeroof of nama wal’aalchisu se’uu dhaan itti dhukaaste jedhan.

Waajjirri qorannaa yakkaa kutaa sanaa waa’ee dhukaasa sanaa qorataa jira.kan umuriin waggaa 26 polisiin dhukaasa sana raawwatte yeroof hojii dhaabdee jirti.

Bulchaan Brooklyn Center Mike Elliott poolisiin sun hojii irraa ari’amuu qabdi jedhan. dogoggora lubbubu namaa galaafatuuf obsa hin qabnu. Haqi akka mirkanaa’uufis waan dandeenye mara ni goona jedhan.

Obboleessi Wright, Dallas Bryant sirna dungoo qabsiisuu kaleessa galgalaa irratti argamuun akka jedhetti poolisiin attamiin qawwee dhugaa fi kan laastikaa walii wallaala.

Prezidaant Joo Baayiden akka jedhanitti qorannaan maal akka uumame adda ni baasaa jedhanii saamicha mormii sana booda raawwate garuu sirrii miti jedhan. naaa fi tasgabbiin akka bu’un gaafadha jechuu dhaan Baayiden Wixata kaleessaa Wahite House keessatti tuuta oduuf ibsanii, kan nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gaafatan harmee Dauntee dhaggeeffachuu qabna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG