Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dipilomaatiin Yunaayitid Isteetis Gameessi Baatii Lamaa Yeroo Hin Guunnetti Lammataaf Michoota NATO Waliin Wal Argan


Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Blinken, dhimmootii hedduu kan Raashiyaan humnootii ishee daangaa Yukireen irratti walitti qabduu fi duula gamtaa wal taatotaa Afgaanistaan keessaa irratti mari’achuuf jecha michoota Awrooppaa fi NATO waliin Biraasels keessatti wal ga’anii jiran.

Daawwannaan isaanii kun Blinken gitoota isaanii biyyoota miseensota NATO ta’an waliin Biraasels keessatti erga wal arganii torban sadii booda. Blinkeen ennaa wal ga’ii isa duraanii, dhimmi Yunaayitid Isteetis dursa kennituuf hariiroo michoota ishee waliin jiru cimstuu ta’uu dubbatan.

Blinken ergaa Tweeter wixata kaleessaa maxxansaniin, “Biraaselsitti deebi’uu kootti nan gammada. Yunaayitid Isteetis keessumaa michoota NATO waliin hariiroo jiru ijaaruuf cicha qabdi” jedhan.

Biliinken, kibxata har’aa ministeera haajaa alaa Yukireen Dmytro Kuleebaa waliin illee mari’achuuf jiru. Sochii Raashiyaan dhiyeenya naannoo daangaatti gootu Yunaayitid Isteetis fi bakka biroo keessatti yaaddoo uumee jira.

Blinken muummicha barreessaa NATO Jeneraal Jens Stoltenberg waliin waa’ee haala jiru wixata kaleessaa ennaa mari’atan, Raashiyaan waraana ishee naannoo daangaa Yukireenitti walitti qabuu fi sochii balaa qabu akka dhaabdu walii galteetu jira jedhan.

Stoltenberg har’a ennaa Kuleebaa waliin dubbatan NATOn Yukireen cina ni dhaabata jedhan. Gochi Raashiyaa fudhatama hin qabu, ibsuuf rakkisaa fi akkaan yaaddessaa dha jedhan Stolternberg. Kanaaf tuttuqqaa kana dhaabdee mudama jiru hatattamaan xiqqeessuu qabdi jedhan. Kuleebaan gama isaaniin Yukireen waraansa hin barbaaddu, walitti bu’iinsa jiru furuuf furmaata diplomaasummaa fi siyaasaaf cicha qabdi jedhan.

Deggersa NATOn godhu cimsanii dubbachuu dhaan Raashiyaan sochii maal na dhibdee gooti ykn hokkara haaraa jalqabdi taanaan gatii nama baasisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG