Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni 8 Yuunaaytid Isteetes Keessatti Kaleessa Ajjeefaman

Yuunaaytid Steetes Waajiira postaa Fedeeks jedhamu keessatti namoonni 8 ajjeefamuu polisiin Indiiyaanaa poliis beeksisee jira. Namnii namoota kana ajjeesees dhuma irratti of-ajjeesuun isaa ibsamee jira.

Dubbii himaan polisii achii akka jedhanti haleellaa Kamiisa kaleessaa gaggeeffamee Kanaan namoonni ka biro hedduun mada’uu ibsan. yoo ta’u yoo xiqqaate 4 hospiitaala ciisanii jiru.Kanneen biroon lama achuuma lafa rukutamaniitti wal’ansa fayyaa eega argatanii booda mana ofiitti deebi’anii jiran.

Eenyummaan nama haleellaa kana geesisee hin ibsamiin jira.

This item is part of
XS
SM
MD
LG