Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa, Godinaa Shawaa Kaabatti Lakkoofsi Namoota Qehee Irraa Buqahanii Kuma 250 Caala Jedhame


Faayilii - Maappii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa agarsiisu
Faayilii - Maappii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa agarsiisu

Bulchiisa naannoo Amaaraa, Godinaa Shawaa Kaabaa keessatti kanneen argaman magaalaalee adda addaa keessatti haleellaalee raaw’ataman irraa kan ka’e, namoonni manaa fi qehee ofii irraa buqqa’an kuma dhibba lamaa fi shantama ka caalan tahuu, Waajirri Ittisa Balaa fi Waabii Nyaataa godinichaa dubbatee jira. Haleellaaleen raaw’ataman meeshaalee guguddaan ka deggeraman, jechuun jiraattonni baqatanii fi Mootummaan naannoo Amaaraa ibsanii jiran.

Dubbi-himaan mootummaa naannoo Amaaraa haleellaa raaw’atame sanaaf kan mootummaan “One Shanee” jedhee waamu, Waraana Bilisummaa Oromoo yakkaniyyuu, naannoo Amaaraatti, bulchiinsi godinaa hawaasa Oromoo immoo, “gareen kun, gochaa sana keessa hin jiru,” jedhee jira. Lakkoobsi buqqaatotaa baay’ee tahuu irraa kan kahe, boqqaatota sana deebisanii dhaabuun humnaa ol tahuu, waajirri Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa sun.

Kana wajjiin wal-qabatee, ajjeechaa fi buqqisuu “uummata Amaaraa irratti raa’atamaa jiru” ka jedhan balaaleffachuudhaan, hiriirtonni har’a addabaabayii Deseetti bahuun saalee isaanii dhageessisanii jiran.

Ajjeechaa fi buqqisuu “uummata Amaaraa irratti raa’atamaa jiru” ka jedhan balaaleffachuudhaan, hiriira Adabaabayii Deseetti bahame, Ebla 17, 2021
Ajjeechaa fi buqqisuu “uummata Amaaraa irratti raa’atamaa jiru” ka jedhan balaaleffachuudhaan, hiriira Adabaabayii Deseetti bahame, Ebla 17, 2021

Ministarrri Ittisaa Itiyoophiyaa, nageenya naannoo mirkaneessuuf jechuun tarkaanfii fudhateen, godinaalee Shawaa Kaabaa, Bulchiisa Hawaasa Oromoo fi Walloo Kibbaa keessatti, waaltaa ajaja waraanaa yokaan Komaand Poosiii dhaabuu isaa beeksisee jira, jechuudhaan Mesfin Arraagee Desee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG