Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Baayiden Lakkoobsa Bqattootaa Murteessuuf Seera Ka’ame Erga Qeeqi Irra Ga’ee Booda Kan Kaasu Ta’uu Beeksise 


Faayilii - Godaantota gara Yunaatid Isteets seenan
Faayilii - Godaantota gara Yunaatid Isteets seenan

Prezidaant Joo Baayiden Sabmbata darbe akka jedhanitti bulchiinsi isaanii lakkoobsa baqattootaa Yunaayitid Isteetis seenanii ni dabala, garuu ibsa bal’aa haaraa ta’e hin kennine.

Bulchiinsi Baayiden Lakkoobsa Bqattootaa Murteessuuf Seera Ka’ame Erga Qeeqi Irra Ga’ee Booda Kan Kaasu Ta’uu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:50 0:00


"Rakkoon ture baqattoota ilaalchisee kanneen dargaggummaatti naannoo daangaa seenan waliini. Waal lama wal faana hojjechuu hin dandeenyu, garuu lakkoobsa baqattootaa dabluuf deemna” jedhan.

Jirmaata ganama Baayiden ajaja sadarkaa ol aanaa kan lakkoobsa baqattoota baa 2021 Ameerikaa seenanii15,000 ta’ee akka turu mallatteessan, lakkoobsi kan kan bulchiinsa prezidaantii duraaniin labsame. Haa ta’u malee michoota isaanii demokraatota biraa qeeqi isa dhaqqauu White House booda irra beeksise.

Ajaja sadarkaa ol aanaa sana keessatti, Baayiden karoora prezidaantii duraanii kan lakkoobsa baqattootaa seenaa keessatti gad xiqqeesse Caamsaa 15tti akka ol ka’u karoorsuu isaanii ibsan. Sababaa rakkoo namoomaa fi dantaa biyyolessaaf lakkoobsa kana 15,000 irra tursuun ka sirnaa ti jedhanii turan.

Haa ta’u malee ajaji sadarkaa ol aanaa sun itti dabaluun akka jedhutti lakkoobsi duraan ture xumura waggaa bajataa dura lakkoobsi kun 15,000 geenyaan sana booda akka barbaachisetti murtiin prezidaantii labsamuu mala.

Ajaji kun seniti keessaa sadarkaa lammaffaa irra kan jiran Senetir Dick Durbin biraa illee qeeqa kan dhaqqabsiise yoo ta’u lakkoobsi baqattoota Ameerikaa haa seenan jechuun murtaa’e fudhatama hin qabu jedhan.

“Rakkoo baqattummaa bara keenyaa ennaa ilaalamu lakkoobsa baqattootaa 15,000 murteessuuf sababaan hin jiru jechuu dhaan Dubrin Prezidaant Joo kun waan ta’u miti, jechuun ibsa baasniin beeksisaniiru.

Qeeqa sanatti aansuu dhaan dubbi himtuun White House Jen Psaakii akka jedhanitti labsiin Baayiden duraanii irratti burajaajiin hanga tokkotu ture. prezidaantiin lakkooba baqattootaa ni dabalu jedhamee eegamaa ture. Garuu lakkoobsi baqattoota haaraa seenanii hagam akka ta’e hin dubbanne.

Akka ajaja Baayiden mallatteessanitti, bulchiinsi isaanii lakkoobsa baqattootaa fooyyessee jira. akkuma kanaan Afriikaa irraa baqattoota 7,000 Laatiin Ameerikaa irraa 3000, Awrooppaa fi Asia waaltaa irraa 1,500, giddu galeessa bahaa fi Asia kibbaa irraa 1,500 fi Asia bahaa irraa 1,000 ramadee jira. kanneen hafan 1,000 immoo haalli jiru ilaalamee ka murtaa’u ta’uun beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG