Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Somaaliyaa Hojii Naga Eegumsa Biyyattii Mirkaneessuu Ofitti Fudhachuuf Karoorsan 


Moqaadishoo, Somaaliyaa (Suuraa faayilii)
Moqaadishoo, Somaaliyaa (Suuraa faayilii)

Xumura waggaa humnooonni Mootummaa Somaaliyaa kanaa irratti nageenya biyyattii mirkaneessuuf qooda adda durummaa fudhachuun isaanii ibsamee jira.

Humnoonni Somaaliyaa Hojii Naga Eegumsa Biyyattii Mirkaneessuu Ofitti Fudhachuuf Karoorsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:19 0:00

Kanneen wal ga’ii kan irratti hirmaatan bakka buutota mootummaa federaalaa Somaaliyaa, ajajawwan waraanaa biyyoolessaa Somaaliyaa fi gurmuu gamtaa Afriikaa ka somaaliyaa keessaa kan AMISOM akkasumas angawoota waajjira deggersaa tokkummaa mootummootaa kan biyaattii keessa ti.

Qaamonni kun, akkuma kana dura mootummaa ce’umsaa Somaaliyaa kan mootummaa fi AMISOMn bara 2018 keessa raggaasisamee humnoonni naga eegumsa Somaaliyaa dhiyootti qooda hojii naga eegumsa biyyattii harkatti galfatu.

Gurmuun gamtaa Afriikaa dhiyeenya maadhee magaalaa Afgoyyee jiru waraana biyyoolessaa Somaaliyaatti dabarsee kennee jira.

Torban darbe waraanni biyyoolessaa Somaaliyaa haleellaa al-Shabab maadhee waraanaa Awdhiglee kan Moqaadishoo irraa gama kibbaatti fageenya km 75 irratti argamu irratti geggeessame ofi irraa deebisanii jiran. Angawoonni waraana Somalaiyaa akka jedhanitti yoo xiqqaate finxaaleyyiin 76 ajjeefamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG