Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Hidha Laga Abbayyaa Kan Ilaaleen Gola Naga Eegumsaaf Xalayaa Ergeera: Itiyoophiyaa  


Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa, Diinaa Muftii
Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa, Diinaa Muftii

Hidha Laga Abbayyaa kan ilaaleen mariin gaggeeffamuu irratti golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa Masrii fi Sudaan irra dhiibbaa akka godhu xalayaa gaafatuu ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa galchuu isaa beeksisee jira.

Masrii fi Sudaan gola naga eegumsaaf xalayaan galchan Tokkummaan Mootummootaa, Amerikaa fi Gamtaan Awuuroopaa , Gamtaa Afrikaa waliin qixxee irratti hirmaatanii marii kun akka jalqabu kan gaafatu ta’uun ibsameera.

Itiyoophiyaan garu kana irraa yaada adda ta’e qabdii kan jedhan dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Diinaa Muftii Itiyoophiyaan marii biyyoota sadeen gidduutti gaggeeffamuu Afrikaan gaggeesuu akka ittifuuftu Itiyoophiyaan barbaaddi jedhan.

Maanguddummaa Afrikaa Kibbaa fi Ripaablikii Demookraatwaa Kongoo marii kana gaggeessuun qooda fudhataniif galateeffachuu keenya xalayaa gola naga eegumsaaf ergine irra jira jedhanii Sudaanii fi Masriin marii kanatti akka deebi’aniif golli naga eegumsaa dhiibbaa akka gochuuf gaafannee jirra jedhan.

Gama biraan rakkoo daangaa Sudaan waliin jiru karaa Diploomsii furuuf hojjatamaa akka jiru gidduu kana looltoota Itiyoophiyaa qabadhee jechuun kan Sudaan dubbattus dhugaa akka hin ta’iin Ambaasaaddar Dinaa Muftii dubbatan jechuun Mallaskaachoo Ammahaa Finfinnee irraa gabaasee jrira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG