Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmii Pirezdaantii Chaad Ajjeefamee  Angoo Qabate


Prezidaantiin Chaad Prezidaant Iddriss Deby Itnoo humnootii waraanaa kanneen riphxee looltootaa waliin wal waraanaa jiran daw’ataa ituu jiranii eega ajjeefamanii booda, ilmii isaanii kan umriin 37 Jeneraal Mahamat Idriis Debi Itinoo aangoo qabatanii jiru.

kaawunsilii ce’umsaa kan waraanaa ilmii prezidaantichaa yeroo ce’umsaa baatii 18 ykn waggaa tokoof walakkaaf turu akka hoggananiif filatamuu isaanii eega beeksisee guyyaa tokko booda muudamnii isaanii har’a dhaga’ame.

Gareen Riphxee looltootaa ibsa Kibxata kaleessaa baaseen magaalaa guddoo biyyatti to’achuun ilma prezidaantichaa aangoo irra kan darbuu ta’u beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG