Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Dureeyyii Ta’an Dhiyeessii COVID-19 Addunyaa Kaan Waliin Hirmaachuu Qabu: WHO 


Faayilii - Hoogganaa Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Tedros Adhanom
Faayilii - Hoogganaa Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Tedros Adhanom

Hoogganaan jaarmayaa fayyaa addunyaa barreeffama dhiyeenya New York Times irratti maxxanfameen biyyoota naannoo addunyaa kannen dhiyeessii talaallii COVID -19 maqsan jecha jabaan dha’anii jiran.
Tedros Adhanom barreeffama isaanii kanaan talaallii ofii qofaaf saammachuun sagantaa talaallii kun biyyoota hiyyeeyyii akka dhaqqabuuf tolfame kaka’umsa WHO dadhabsiise jedhan. Addunyaa keessatti kan mul’ataa jiru jedhan Teedroos, kampanileen talaallii kana oomishan caalbaasii ol aanaa dhaan gurguratanii fi addunyaan harcaatuu talaallii kanaa argachuuf asiif achi fiigaa jiru kanatti biyyoonni dureeyyiin xiqqoon, tlaallii kana kuufata jiran jedhan.

Weerara kanatti duuluuf furmaanni jiru, furmaata salphaa dha. Kunis waliin qooddachuu ykn dhiisuu isa jedhu jedhan. Nuti goonuus dhiisnus jedhan hogganaan WHO, kun qormaata saayinsii miti, qormaata amalaa ti jedhan. ennaa addunyaan harcaatuu talaallii kanaa argachuuf asiif achi fiigu

COVID-19 Hindii keessaa ammaataa adeeme. Ministriin eegumsa fayyaa biyyattii har’a akka ibsanitti sa’aatilee 24n darban keessa namoota 332,730 haaraa vaayiresii kanaan qabaman.

Hospitaalonni New Delhi keessaa yoo xiqqaate ja’a dhukkubsattootaaf kan kennan hanqinni oxygen isaan mudatee jira.

Waaltaan qorannoo Johns Hopkins akka gabaasetti Hindii keesaa namoota miliyoona 16 ta’antu COVID-19n qabaman. Jaappaanis sababaa vaayiresiin kun hammaataa adeemeef olompikiin Tokyo banamuuf baatileen sadii hafee ennaa jirutti labsii yeroo hatattamaa labsitee jirti. Jaappaan keessaa namoonni 550,000 COVID-19n qabamuu Johns Hopkins gabaaseera.

Gama biraan mootummaan Siiriyaa fi naannoo biyyattii momitoonni to’atan kamisa kaleessaa talaallii COVID-19 kan jalqabaa argatanii jiran. UNICEF fi Jarmayaan fayyaa addunyaa akkasumas gamtaan wal taatota talaallii addunyaa GAVIn wal ta’uu dhaan ibsa baasaniin talaallii AstraZeneca 200,000 mootummaa Siiriyaaf kan ergan ta’uu isaaf 53,800 immoo naannolee Kaaba gama lixaa biyyattii mormitoonni to’ataniif kan ergan ta’uu beeksisan.

Waggaa tokko dura erga lola dhaabinsi hojii irra oolee as waraansi irra jireessi qabbanaa’us, wal waraansi Siiriyaa keessaa dhiyeessii talaallii kanaa wal xaxaa taasisiuu dhaan irra hedduun isaa karaa Damascus ba’uu dhaan gara naannoo mootummaan to’atee jiruu yoo ergamu, kaan immoo karaa daantaa Turkii ergamee jira.

Jaarmoliin kan mootummaa hin ta’en ka warreen gama dhiyaa akka jedhanitti Siiiriyaa keessaa godinaalee waraansi keessa jiru keessatti talaallii kana kennuu qindeessuuf rakkoon jiru sababaa uggurri maallaqaa kan biyyattii irra jiruuf hedduu hamaa dha.

Waaltaan qorannaa Johns Hopkins akka gabaasetti addunyaa irraa uummanni miliyoonni 145 vaayiresii koronaan yoo qabamu miliyoona 3 ol kan ta’u immoo dhumeera

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG