Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ho’a Qilleensaatti Duuluun Bu’aa Dinagdeef Gumaacha: Prezidaant Joo Baayiden 


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis, Joo Baayden
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis, Joo Baayden

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis hoogganoota daldalaawwaniif waldoolii waliin ta’uu dhaan ho’I qilleensa naannoo addunyaa hubachiisuun bu’aa dinagdee inni qabu, ennaa gumii jijjiirama illeensaa irratti fuuleffate kan guyyootii lamaa White House irraa hordofan beeksisanii jiran.

Ennaa ho’a qilleensaa dura dhaabbachuu irratti maallaqa baasnu, nama maraaf carraa uumna jedhan Biden.

Yaai Baayiden kun kan dhaga’ame, marii jijjiirama qilleensaa dura dhaabachuuf tarkaanfii fudhachuun carraa dinagdee ti jedhu karoorri bara 2030tti Yunaayitid Isteetis gaazii qilleensa faalu dhibba irraa harka 50-52tti gad cabsuuf labsuu ishee guyyaa tokko booda.

White House, dureeyyii fi hoogganoota dhaabolii akkasumas kan waldoolii sadaraa ol aanaa teknooloojii enerjii qulqulluu prezidaant Baayiden karoorsan kan doolaara triliyoonaan jiru investii gochuu akka deggeran haala mijeesseefii jira.

Dureessichi bulchaan New York duraanii Maaykil Bloomberg yoo seenaa keessatti akka haaraatti deggersa maallaqaa gumaachine male jijjiirama qilleensaa dura dhaabachuu hin dandeenyu jedhan.

Hoogganooni Israa’el, Tokkummaa Emireetota Arabaa, Deenmark, Norway, Poolaand, Ispeen fi Veetnaamis marii jimaata kanaa irratti kan hirmaatan yoo ta’u, bakka buutonni kutaa geejjibaa Yunaayitid Isteetis, enerjii fi daldalaas hirmaataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG