Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganni Paartii Saalsaay Wayyaanee Gadhiifamanii Jiru 


Dhaaba Siyaasaa Saalsaay Wayyaanee jedhamuuf itti aanaa dura ta’aa ka ta’an Obbo Aluulaa Haayiluu fi itti gaafatamaa kutaa faaynaansii dhaabichaa Obbo Kaahsaay Haayluu Kamiisa darbee magaala maqalee keessa ka jiru kaaffee tokko keessatti guyyaa tokkoof eega hidhamanii booda Jimaata gara galgalaa hiikamuu isaanii paaartichii beeksisee jira.

Dura ta’an paartii kanaa Obbo Haayyaaluu Godfaay RSA akka ibsanti hogganoonni lameen namoota uffata waraanaa uffataniin fudhatamanii akka turan gaafa Jimaataas gadhiifamuu mirkaneessan/

Namoonni kun qabamuun tajaajiillii Intarneettii Maqalee keessa lafa hin jirreetti isin attamiin ittiin fayyadamuu dandeessan? Kan jedhu akka ta’e ibsan.Gochii hidhuu akkasii kun qabsoo karaa nagaa danquu akka ta’e fi kan balaaleeffatan ta’uus ibsanii jiru.

Kana irratti deebii bulchiinsa yeroo Tigraayiif dhabatee argachuuf yaaliin goone hin milkoofne jechuun Muluugeetaa Atsebaa gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG