Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maayinamaartti Lakkoofsi Namoota Hiriirota Nagahaa Irratti Du'anii Dabalaa Jira


Maayinamaar keessatti tarkaanfii humnoonni waraanaa hiriirota nagaa irratti fudhataniin lakkoobsi namoota du’anii yeroo dabalaa jiru kanatti, hiriirtonni hagi tokko gurmuu hidhattootaa bosonaa lolaa jirutti makamuun leenjii waraanaa fudhachuutti deeman.

Hiriirtonni fonqolcha mootummaa biyyattii keessatti geggeessame mormuun hiriira nagaa bahaa turan kun, ajjeechaan itti hammaachuu irraa garii gurmuulee riphee-loltootaatti makamanii waraaniha loluuf deemuu isaanii tu gabaasame.

Biyyattii keessatti, gurmuun hidhattootaa guddaa fi yeroo dheeraa ture, kan Kaaren Naashinaal Yuniyeen jedhmu, Sagalee Ameerikaatti akka itti himetti, hiriirtonni nagaa gammoojjii giddu-galaa Maayinamaar irraa dhufan, gaarreen bosonaa keessatti leenjii waraanaa fudhataa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG