Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Balalii Somaaliyaa Irraa Dhufu Mara Yeroof Addaan Kutte 


Baatilii shaniif danqaan diplomaasummaa Somaaliyaa fi Keeniyaa bakkatti erga deebi’ee booda Kenyana balalii Somaalyaa irraa dhufu mara rarraastee jirti.

Abbaan aangoo sivil Aviyeeshinii keeniyaa ergaa dhaabbata hojii balaliif ergeen balaliin biyyoota lamaan gidduu tajaajila xayyaara ambulaansii fi balalee gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa irraan kan hafe martinuu rarraafamuu isaa sabaa himaatti akka hin dubbanne eeyama kan hin qabaannee fi maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan angawaan Somaaliyaa tokko dubbataniiru.

Balaliin kun Caamsaa 11 hanga yoo xiqqaate Hagayya 9tti kan turu ta’uun beekameera.

VOA sagantaan Afaan Somaalee balaliin kun rarraafamuu kan mirkaneesse ibsa abbaa taayitaa Aviyeeshinii keenyaa kana kan argate Caamsaa 10 wixata kaleessaa ture.

Keeniyaan sababaa balaliin kun dhaabachuu hin labsin jirti, garuu erga Somaaliyaan balaliiwwan caatii baatanii Keeniyaa irraa dhufan akka ugguraman ibsa baste keessa deebi’uun cimistee guyyaa tokko booda balalii sana uggurte.

Baatii Muddee bara 2020 keessa Somaaliyaan irra deddeebi’amuun abbaan biyyummaa keenyaa cabeera, dhimma keessoo keenyaa jidduu seenuutu jira jechuu dhaan hariiroo diplomaasummaa Keeniyaa waliin jiru addaan kutte. Keeniyaan immoo himannaa sana ni haalte.

Ministriin dhimma alaa Keeniyaa hariiroon sun bakkatti deebi’uu of eegganoon simachuu dhaan, hariiroon biyyoonni lamaan gama daldalaa, quunnamtii, geejjiba, uummataa fi uummataa fi aadaa wal jijjiiruu gara fuula duraatti gaarii akka ta’u abdachuu isaa beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG