Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Ijoollee Umuriin Waggaa 12 Qabee Jiraniif Talaallii COVID-19 Kan Faayizer Raggaasiste 


Ijoollee mana barumsaa sadarkaa lammaaa talaalii fudhachaa jiran (suuraa faayilii)
Ijoollee mana barumsaa sadarkaa lammaaa talaalii fudhachaa jiran (suuraa faayilii)

Kanneen Yunaayitid Isteetis keessaa dhimma dawaa to’atan talaalliin COVID-19 kan Faayizer, ijoollee waggaan isaanii 12 qabee jiru akka tallaalaman raggaasisanii jiran.

Bulchiinsi nyaataa fi Dawaa Ameerikaa wixata kaleessaa akka jedhetti talaaliin kun ijoollee waggaa 12 hanga 15 jiran yoo fudhatan amansiisaa fi bu’a qabeessa jedhee jira. Tallaalichi durumaanuu kanneen umurii 16 fi isaa ol jiraniif eeyama yeroo hatattamaa argatee jira.

Tarkaanfiin har’aa kun dargaggoonni COVID-19 irraa akka eegamaniif jireenya miira jireenya idileetti deebi’uu fi weerarichi dhumachuu namatti dhageessia jechuu dhaan komiishinerri yeroofii kan bulchiinsichaa Janet Woodcock ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Talaalliin Faayizer Yunaayitid Isteetis keessaa dargaggootaaf akka kennamu raggaasisamuun kun kan jalqabaa ti. Raggaasisamuun kun kan dhaga’ame, angawoonni Ameerikaa uummata baay’inaan tallaaluuf qophaa’aa utuu jiranii yoo ta’u, baatii birraa keessa ijoolleen barnootatti utuu hin deebi’in dura kanneen miliyoonaan laka’aman barattoonni mana barnootaa sadarkaa giddu galeessaa fi sadarkaa lammataa talallii kana akka fudhataninif kan kakaasuu dha.

XS
SM
MD
LG