Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Qabiinsi Mirga Dhala Namaa Aljeeriyaa Keessaa Yaaddessaa Ta'uu Beeksise


Mootummaan Aljeeriyaa mirga uummata isaa kan yaada ofii ibsachuu fi wal ga’uu ukkaamsuun kan isaan yaaddeessee ta’u aangawoonni mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa ibsanii jiru.

Waggaa dabree yeroo dheeraaf sababaa weerara dhukkuba KOOVIID-19n kan ka’e hiriirrii daandii irratti gaggeeffamee hin turre.Garu baatii 3 dura Guraandhala 13 hiriirrii eega itti fufee booda, gareen mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa akka jedhutti humnootiin nageenyaa namoota karaa nagaa hiriiran irratti humna hin barbaachiifnee fi humna wal hin ginnee ykn guddaa gargaaramuu gabaasa jedhutti argataa jira.

Hiriirtoonni kunSochii Hiiraak kanneen waggaa lama dura prezidaant Abdelaaziiz Botoofliikaa marsaa 5ffaaf nan dorgomaa jechuu isaanii morman turan.Bottofliikaan amma aangoo irra kan hin jirree ta’uus, kan amma biyyatti bulchaa jiruu fi malaamaltummaan guutamee ittiin jedhan aangoo irraa akka bu’’an gaafataa jiru.

Dubbii himaan waa’ee mirage dhala namaa Rupert Kolville akka jedhanti barattoonni baaatii Eblaa fi Caamsaa keessa hiriiruuf turan yeroo 4 humnootii nageenyaan dhorkamanii dhibba hedduu hiriirtootaa hidhan jedhue.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG