Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Humnoota Palistiinii fi Isra’eel Gidduu


Lollii humnoota Palistiinii fi Isra’eel gidduutii torbana darbe jalqabame ammas itti fufee jira. Guyyaa har’aa israa’eel gaazaa Yemmooo xiyyaaraan haleeltu warrii palastayiinis rookeetiidhaan israa’eel kibbaa haleeluun isaanii gabasameera.

Lollii cimee itti fufee lubbuu namoota fi qabeenyaa irratii badiinsa uumaa jiru kun hawaasaa adduunyaa yaddesaa jira.

Ittii gaafatamaan imaamata alaa , gamtaa awuroopa Joseep Boorreell akkataa babaldhiiinsa lolichaa dhaabuun danda’amuu irrati ministeerota dhimma alaa biiyootaan gamataa Awuroopaa wajjin marii tasisaniiru.

Yuunayiitid Esteets gama isheetiin biyyootaan naannoo sana jiraanuu wajjiin lolicha qabbaneesuudhaaf ojjachaa akka jirtu haanga’oonnii biyyatii dubbachaa akka jiran barameera.

Wayit haawusittii Ittii gaafatamtuun dhimma preesii Jeen Psaakii wixata kaleessaa gaazeexessotatti akka himanitti , rakkinichii babalacha akka hin deemnne waan danda’amuu hundaa akka gochuun barbaachisu ibsanii kana gochuudhaaf garuu mootummaan israa’eli fi gareen hamaas itti yaaduu akka qaban ibsaniiru.

Muumichii ministeeraa israa’el Benjaamin natanyaahuu dheengadda ibsa kennani keesatii amma humnii Hamaamas dadhabutii haleellaa hin dhaabnu jechuun isaanii hin yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG