Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelaaruus Xayyaara Maqsitee Akka Qubatu Gochuun Mormituu  Nama ture Qabachuun Mufannaa Hordoofsisee Jira


Beelaaruus seeraan ala xayyaara namiicha prezidaantii biyyatti qeequun beekamuu fi biyyaa dheessee jiru dilabata kaleessaa xayyaaricha maqsuun qabachuu isheef aangawoonni Awuroopaa kan ishee adabuuf jiran ta’u dhaadataanii jiru.

Wiixata har’a haallii turee fi maaltu xayyaara maqsuutti akka geese gad fageenyaan ba’uu gaafa jalqabuu mufannaan dabalee jira. Xayyaarri Beelaaruus kan daandii balalii Riyaan air Bo’iing 737 Dilbata kaleeessaa imaltoota 171 fi hojjattoota xayyaarichaa qabatee Ateens irraa ka'uun samii Beelaarus irra darbuun gara Luteeniyaatti balalii’aa ture.

Samii biyya Beelaaruus keessaa ba’uuf yeroo xinnoon lafa hafeetti Jettii waraanaa Beelaaruus irraa balaliisaan xayyaara imaltootaa sun ajaja argate. Lafa dhaqqabuun sira jiru magaala galma mootummaa Luteeniyaa dhiisii magaalaa galama mootummaa Beelaaruus qubadhu kan jedhu ture.

Akkuma ajajameetti magaala galma mootummaa Beelaaruus Minisk ennaa xayyaarichi imaltootaa qubatu qondaaltonni nageenyaa biyyatti umriin isaa 26 kan ta’e barreessaa marsariitii mormiitootaa kan ta’e Roman Prootaseeviich qabanii hidhan.

Prezidaantii irratti mormii kaasisee jedhamuun yoo himatamee adabii du’aa irratti muramuu mala jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG