Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantuun Maaynamaar Duraanii Yeroo Duraaf Mana Murtii Duratti Dhiyaatan


Waraanni Maaynamaar fonqoolcha mootummaan Guraandhala 1 bara 2021 aangoo eega qabatee booda, hoggantuu duraanii Ann saan suu Kii to’annaa jala eega olchee as yeroo duraaf Wiixata har’a mana murtii duratti dhiyaatan.

Abukaatoon ishee Gaazexxessotaaf akka ibsanti yakka ilaalchii ituu hin jalqabamiin dura daqiiqaa 30 qofaaf ishee arginee waa’ee himata dhiyaatu dubbanne jedhan.

Umriin ishee 75 kan ta’ee fi badhaasa Noobeel kan argatan An saan suu kiin fayyaa ishee haala gaarii irra kan jiru yoo ta'u uummannis fayyaa gaarii akka qabaatuufis hawwii qaban ibsanii jiru jedhameera.

Paartii ofii kan ilaaleen dhaamsa diddaa kan dabarsan yoo ta’u kunis hanga deddersii uummataa jiruutti paartiin koos ni jiraata jechuun falmite..Himatii yakkaa hedduun kan irratti dhiyaatu ta'uunis beekamee jira

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG