Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Olompikii Tookiyoo Dura Akeekkachiissa Uggura Imalaa Jappaanitti Ergite


Olompikiin Tookiyoo jalqabamuuf baatileen lamaa ol ennaa hafee jirutti, Wixata kaleessaa mootummaan Yunaayitid Isteetis sababaa COVID-19 haaraa hammaataa adeemeef lammiiwwan ishee gamasitti akka hin imalle akeekkachiisuun rifaatuu uumee jira.

Ministriin dhimmi alaa akeekkachiisa imalaa sadarkaa ol aanaa jechuun sadarkaa Arfaffaa,labsuu dhaan Jaappaan talaallii kennuuf boodatti harkifachuu isheef namoonni gara Yunaayitid Isteetsitti akka hin imalle ugguruu ishee maqaa dha’ee jira.

Waaltaan to’annoo fi ittisa dhukkubootaa Ameerikaa gma isaan akeekkachiisa ka biroo kenneen, namoonni guutummaan tallaalaman iyyuu vaayiresii koronaan qabamuu fi COVID-19 kan bifa haaraa facaasuu waan danda’aniif Jaappaanitti akka hin imalle beeksisee jira.

Olompikiin Tookiyoo Adoolessa 23 hanga Hagayya 8tti geggeessamuuf kan karoorfame erga sababaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e waggaa tokkoof achi butamee booda. Japanii fi kutaaleen biyyattii kaan vaayiresichi haaraa akka hin babal’anneef jecha labsii yeroo hatattamaa labsitee jirti.

Jaappaan keessaa namoonni 722,668 vaayiresii koronaan yoo qabaman kanneen 12,351 ta’an du’uu waaltaan qorannaa Joons Hopkins kan beeksise yoo ta’u uummata biyyattii dhibba irraa harka shanii gad qofaatu tallaalii argatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG