Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay Uggura Visa Ameerikaan Keesse Irratti Deebii Kenne


Kan Yunaayitid uggura visa irra geese angawotnni Itiyoopiyaa fi Eertraa akkasumas kan lol asana keessatti hirmaatan ittiin jedhe addi bilisummaa uummata Tigraay uggura kana ilaalchisuun ibsa gama isaanii baasanii jiran. Akkuma kanaan TPLF ibsa baaseen, addi bilisummaa uummata Tigraay akkuma uummata Tigraay irratti raawwatamaa jiru, kanneen weeraraniin haleelamaa waan jiruuf, kanneen fixiinsa raawwatan qixa kan itti muramuuf sababaan hin jiru jechuu dhaan gama sabaa himaa dhaabichaa”Dimtse Weyane” jedhamuu uggura visa Yunaayitid Isteetis keesseef deebii kennee jira.

Hunda dursee bulchiinsi Joo Baayiden, SR97 kan jedhamuun abboota irree kan ittiin jedhe Isaayaas Afewerqii fi Faashistii kan ittiin jedhe garee muummicha ministeeraa Abiy Ahimed irratti tarkaanfii uggura dinagdee qabatamaa ta’e kaa’uu jalqabuu isaaf addi bilisummaa uummata Tigraayiif dinaqisiifannaa qabu ibsuu isaa beeksisee jira.

Haa ta’u malee ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken ibsa uggura visa kaa’ame ilaalchisuun ibsi baasan garee miseensota TPLF dabalee kan ilaallatu ta’uu dubbachuun isaanii, TPLF uummatas ta’e qaama sirnaawaa irratti yakki raawwate hin jiru qofaa utuu hin taane, ofii isaa akkuma uummata Tigraay haleellaa fi weerari kan irratti raawwatame ta’uu, bulchiinsi Joo Baayidenii fi hawaasi addunyaa, firoonnii fi deggertoonni uummata Tigraay hubachuu qabu jedha ibsi addi bilisummaa uummata Tigraay baase kun. Mootummaan Yunaayitid Isteetis illee tarkaanfii isaa kana keessa deebi’ee akka xiinxalu waamicha dabarsee jira.

Yaadawwan Ilaali (24)

XS
SM
MD
LG