Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Qawwee Hidhate Kaalifoorniyaa Keessatti Ofii Isaa Dabalatee Namoota 9 Galaafate 


Kaalifoorniyaa keellaa baaburri imaltootaa itti suphamu keessatti dhukaasa baneen namni qawwee hidhate tokko, ofii isaa utuu hin ajjeesin dura namoota sagal galaafate.

Dhukaasa sana namni raawwate keellaa abbaa taayitaa geejjibaa Saan Hoosee keessaa kan hojjetu kan umuriin waggaa 57 Sam Kassiidii ta’uu poolisiin adda baasee jira.

Hoogganaan poolisii konyaa Saantaa Klaaraa Loorii Smiiz akka jedhanitti, Kassiidiin kan ofii isaa ajjeese erga poolisiin karaa itti cufee booda. Angawoonnis akeeki dhukaasa sanaa maal akka ta’e ykn qawwee attamii akka gargaarame adda hin baasin jiru.

Prezidaant Joo Baayiden White House irraa ibsa kennaniin, isaanii fi itti aantuu prezidaantii Kamaalaa Haris dhukaasa sana ilaalchisee ibsi kan kennameef ta’uu beeksisan.

Prezidaanti Baayiden akka jedhanitti Atalaantaa fi naannoo isheetti dhukaasi jamaatti baname, suuqii Boulder, Colorado, mana jireenyaa Rock Hill, South Caroliana fi keellaa FedEx kan Indianapolis, Indiana keessatti raawwatamee torbanneen hanga tokko booda alaabaan biyyattii gad siqee akka fannifamu akkuman ajaje, amas kana gochuuf dirqama guddaatu na irra jira jedhan. “Kan akkasii haa ga’u” jedhan prezidaantichi.

Irra deebi’uu dhaan Kongiresiin Ameerikaa keessatti hookkara qawwee akka weeraraatti babal’ate dhaabsisuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu akkasumas kanneen qawwee qaban hookkara kana dhaabsisuu akka gargaaran waamicha dabarsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG