Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kampaniin Dhiyeessii Foonii Addunyaa Guddichi Haleellaa Marsariitii Isa Mudate


Kampaniin foon nyaataa dhiyeessu guddichi JBS Foods, xumura torban darbee sababaa haleellaan marsariitii isa mudateen hojii isaa Awustiraaliyaa fi Ameerikaa kaabaa keessaa kaleessa cufuuf dirqamuu isaa angawoonni waajjira isaa haadhoo kan Brazil keessaa ibsanii jiru. Angawoonni akka jedhanitti rakkoo kana furuuf hojjetaa jiran.

Dameen JBS USA haleellaa sana booda ibsa baaseen akka jedhetti, caasaalee haalaellaa kanaan miidhaman mara rarraasuuf tarkaanfii hatattamaa kan fudhatanii fi angawoota kan beeksisan ta’uu beeksisee jira.

Deddeebiin maallaqaa maamiltotaa fi kanneen dhiyyeessanii sababaa haleellaa marsariitii kanaan boodatti harkifachu akka malu kampanichi beeksisee jira. Hanga yoonaa garuu galmeen namoota fayyadamaniis ta’e kan hojjettootaa fi kampanii Sanaa haleellaa kanaaf ssaaxilamuuf ragaan akka hin argamin illee beeksisee jira.

Addunyaa irraa biyyoonni foon dhiyeessuun beekaman, Kanaadaa, Briteen, Awrooppaa, New Zealand fi Meeksiikoo dha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG