Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa fi Gamtaan Awrooppaa Falmii Kampaniilee Xayyaaraa Lama Booyingii fi Air Bus Gidduu Ture Furuuf Walii Galan


Yunaaytid Isteetisii fi Awrooppaan oomishtoota xayyaaraaf deggersa yeroo dheeraaf ta’aa ture kan falmii waggoota shaniif geggeessaan turan ilaalcisee walii galtee irra ga’anii jiran. Labsiiin kibxata har’aa kan dhaga’aame, prezidaant Joo Baayiden ennaa isaan gumii hoogganoota gamtaa Awrooppaaf Braaselistti argamanitti.

Yunaayitid Isteetis keessa kan maadheffate Boeing fi Awrooppaa keessa kan maadheffate Airbus gidduutti falmiin geggeessamaa ture, Oomishtoota xayyaaraa kana keessaa tokko maallaqaan deggeruun, gabaa addunyaa irratti isa kaaniif miidhaa dha ka jedhu himannaa ijoo dha. Falmiin sunis ennaa bulchiinsa duraanii kan prezidaant Doonaald Traamp taarifi walitti aansee akka kaa’amuuf sababaa ta’e. Tarifaawwan kaa’aman sun baatii bitootessaa keessa rarraafamanii jiran.

Bkka buutuun ambaasaaddera dhimmi daldalaa Yunaayitid Isteetis Katriin Taayi har’a tuuta oduuf ibsa kennaniin, walii galteen kun dameewwan ijoo keessa kanneen jiran hojjettoota keenyaa fi kampaniileen isaanii sadarkaa qixxee ta’etti akka dorgoman mirkaneessa jedhan.

Kanaaf walii galtichi, falmii yeroo dheeraa kana boqonnaa isaa jijjiiruu akka jalqabnu, shaakalaawwan dinagdee kan haqaa hin ta’iniif kan yaaddoo ta’e irratti fuuleffachuu akkasumas ulaagaalee dorgommii haqaa irratti fuuleffachuuf akka waliin akka hojjennu nu gargaara jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG