Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Godaantoonni Carraa Maatii Biyya Ofii Keessatti Dhiisanii Ba’an Gargaaruu Argachuu Qabu"


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Godaantoonni biyya ofiin ala jiraatan, namoota biyya irraa dheessan keessa tti dhiisanii ba’aniif maallaqa erguu akka danda’aniif Tokkummaan mootummootaa gaafatee jira.

Godaantoonni biyya ofii keessa jiraachuu baatan iyyu itti gaafatamnii maatii isaanii fi hawaasa isaaniif qaban waan irra jiruuf jecha, keessumaa bara weerara dhukkuba KOOVIID –19 kana keessa, karaa mijataa tolfameen yeroo kam iyyu caalaa gargaaruu danda’an jedhan Gilbert Hounbo aangawaan Tokkummaa mootummootaa kan waa’ee maallaqa misooma dinagdee addunyaa ibsa baasaniin.

Hojii caasaa ammayyaa jajajbeessuun godaantoonni haala salphaan akka maatii isaanii gargaaran gochuun barbaachiisaa ta’u hubachiisan.

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees gama isaaniin ibsa baasaniin, godaantoonni baasii tokko malee firoota isaanii gargaaruu akka danda’aniif haallii mijachuu qaba jedhan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG