AMBOO —
Tokkummaan mootummootaa haalli gargaarsaa naannoo Tigraayiif dhiyaatuu hatattamaan fooyya’ee, sirraa’uu dhabaannaan deggersi maallaqaas sirriiti hin kennamuuf taanaan beelli bara 1984 keessa Itiyoophiyaa keessatti uummata miliyoona tokkoo ol fixe ammas mudachuu mala, jechuun Kibxata kaleessaa akeekkachiisee jira.
Loltoonni Eertraa naannoo Tigraay keessaa akka ba’anillee dhiibbaa gochuu itti fufee jira.