Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haallii Nageenya Tigraay Keessaa Yaaddeessa Dha: Dubbii Himaan Barreessaa Duree Tokkummaa Mootummootaa


Dubbii himaa barreessaa duree tokkummaa mootummootaa, Stefan Juriik
Dubbii himaa barreessaa duree tokkummaa mootummootaa, Stefan Juriik

Haallii nageenyaa kan Tigraay keessaa akkaan wal xaxaa fi kan yeroo kamittu bifa jijjirrachuu danda’uu ta’u hojjattonni keenya kan gargaarsa dhala namaa nutti himaa jiru jechuun dubbii himaan barreessaa duree tokkummaa mootummootaa Stefan Juriik ibsanii jiru.

Daandilee gurguddoo irratti illee ituu hin hafiin Wal waraansii itti fufee, dhukaasii meeshaalee gurguddaa iddoo hedduutti gaggeeffamaa akka jiru gabaasamaa jira.Jaarmayoonni gargaarsaa akka jedhanti, meeshaalee wal’ansa fayyaa nyaata akkasumas gargaarsa kanneen biroo lafa dhaqqabuuf rakkisaa ta’een ga’uuf rakkoon isaan mudatee jira. Sababaan isaas seenuu dhorkamanii jiru.

Gargaarsa dhala namaa raabsamuu keessaa nyaatii isa guddaa ta’u fi karoora Itiyoophiyaa gama kaabaaf amma jiruun, caamsaa 1 jalqabee namoota karoorrii gargaarsaa qabameefii ture Miliyoona 5.2 keessaa Miliyoona 3.7 qofaatu gargaarsa nyaataa argate.

Torban dabree ijoolleen kuma tokko caalan hanqiina nyaataa hamaa isaan mudateef wal’ansa kan argatan yoo ta’u kanneen kuma shan ta’an immo hanqiina nyaataa giddu-galeessa isaan mudateef waldhaanaman.

Torban lammaffaa baatii waxabajjii keessa immo namoonni kuma 22 caalan wal’ansa fayyaa aragatanii jiran jedhameera.

Michoonni hojii gargaarsaa irratti bobba’an irraa jala hojii isaanii dabalaa kan jiran ta’uus, namoota gargaaras barbaadan mara dhaqqabuuf deebiin kennamuu ga’aa miti. Kanaafis jecha gargaarsa dhaqqabsisuuf shakkii tokko malee carraan wal irraa hin cinne fi gargaarsii maallaqaa argamuu akka qabu gaafachuu keenya itti fuufna jedhu.

Kana malees, kan gabaafamaa jiru haleellaa bombii lafa gabaa Togoogaa tti dhaqqabuuf ehama akka hin argatiin ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG