Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diplomaatiin Yunaayitid Isteetis Gameessi Abuna Kaatolika Roomaa Waliin Wal Arguun ISIS Injifachuu Ilaalchisee Mari’achuuf Jiru


Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Wixata har’aa Vaatikaan kan daawwatan yoo ta’u, pop Firaansis fi angawoota kanneen biro waliin wal argan
Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Wixata har’aa Vaatikaan kan daawwatan yoo ta’u, pop Firaansis fi angawoota kanneen biro waliin wal argan

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Wixata har’aa Vaatikaan kan daawwatan yoo ta’u, pop Firaansis fi angawoota kanneen biro waliin wal arganii jijjiirama qilleensaa, mirga namoomaa fi dhimmootii seeraan ala nama deddeebisuun mata dureelee jedhan irratti mari’achuuf jiran.

Daawwannaan isaanii kun kan dhaga’ame baatii Onkoloolessaa keessa abuncihii fi amantii kaatolikii kan hordofan nama lammataa Yunaayitid Isteetisiin hoogganan prezidaant Joo Baayiden waliin wal arguuisaanii dura.

Wal ga’ii Cardinal Pietro Parolin fi paaphaasii kan ta’an Paul Gallaghertti dabalee, diplomaatichi gameessi Yunaayitid Isteetis mana sagadaa Sala Regia fi Sistine akka daawwatan affeeramaniiru.

Blinken fi wal ta’iinsa addunyaa garee ISIS injifachuuf hundaa’ee fi dura taa’aa kan ta’an ministeerri dhimmi alaa Xaaliyaanii Luigii Di Maio waliin wal arguuf jiru. Ministriin dhimmi alaa akka jedhetti ministeronni kun garee finxaaleyyii Iraaqii fi Siiriyaa keessaa irra dhiibbaa kaa’uu ilaalchisee kan mari’atan yoo ta’u, addunyaa bakka biroo keessa caasaa isaanii jirus addaan kutuu irratti ni hojjetu.

Eeggataa daayiriktera waajjira jila addaa kan ISISn injifachuuf tolfamee kan ta’an Patrick Worman tuuta oduuf ibsa kennaniin qiyyaafati addaa wal ga’ii kanaa ISIS Afriikaa keessumaa Afriikaa dhiyaa fi Saaheel keessatti rakkoolee haaraa inni dhaqqabsiisaajiru irratti.

Hidhattoonni kun Siiriyaa kaabaa fi Iraaq keessaa bakka hedduu erga to’atanii bood bara 2014 keessa garee ISIS injifachuuf kan yaadame tattaaffii gamtaa miseensota 83 kan of keessaa qabu labsitee jirti. Bara 2019 keessa gareen kun bakka qabate keessaa ari’amee jira.

“ISIS diina cichaan hojjetu jechuun Worman tuuta oduuf ibsaniiru. Bakka Isis haleellaa oofuu dhaan uummata gidduutti soda uumuu itti fufe Iraaqii fi Siiriyaa keessaa hojii hedduu hojjetamuu qabutu jira jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG