Maatiiwwan gaee Taliban kan Afgaanistaan keessaa biyya isaanii keessa jiraatan magaalaa galma mootummaa biyyattii Islaamabaad fi naanno ishee jidraatan garee lootee seentota kanaa dabalatee hospitaalota naannootti wal’aansa fayyaa fudhataa jiraachuu ministeerri dhimmi biyya keessaa paakistaan beeksisanii jiran.
Sheek Rashid Ahimed kana kan beeksisan gaaffii fi deebii TV dhuunfaa Paakistaan kan Geo News jedhamu waliin geggeessaniin ture.
Hoogganoonni Afgaanistan Talibaan Afgaanistan keessatti sochii lootee seentummaa geggeessuuf dachii Paakistan gargaaramuun isaa hoogganoota Afgaaniin himannaalee dhiyaatan Islaamabaad walitti aansuun fudhatama dhabsiisaa turte
Maatiiwwan Taliban as aakistaan Rawaat, Loi Beer, Bara Kahuun fi Tamol keessa jiraatu jechuu dhaan Rashaad maqaa gandeen Islaamabaad dha’uu dhaan caasaa sabaa himaa Afaan Uruduuf ibsaniiru.
Paakistaan yeroo dheeraa dhaaf daangaa ishee Afgaanistaan waliin jiru kan fageenya km 2,600 faayidaa garee fincaaleyyii fi sochii seeraan alaa kan biyyoota lamaan gidduu jiruuf oola.
Itti dabaluu dhaanis angawoonni Paakistaan akka jedhanitti baqattoonni Agaanistaan kanneen miliyoona sadii ta’an biyyattii keessa kan jiraatan yoo ta’u, yeroo hedduus lootee seentota Talibaaniif bakkadadhataa ti.