Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Sababaa Hokkaraan Godaanan Hojiin Deebisuu Jalqabamee jira: Angawaa Komaand Poost 


Faayilii - Namoota naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz irraa buqahan, Wallo
Faayilii - Namoota naannoo Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz irraa buqahan, Wallo

Bulchiinsa naannoo Beeneeshaangul Gumuuz godiina Matakkal keessatti nageenyii dhabamuu isaan kan ka’e manaa fi qe’e irraa godaananii kan turan namoonni kuma 50 caalaa hojiin qe’e isaanti deebisuu gaggeffamaa kan jiru ta’u walitti qabaan Komaan postii godina Matakkal Letenaa Jeneraal Asraat Deneeroo ibsanii jiru.

Godiina sana keessatti “rakkoo bulchiinsa gaariitu jira” jechuun bosoona seenanii namoota nagaa irratti haleellaa gaggeessaa turan kan ittiin jedhan hidhattoonni ,leenjiin haaromsaa kennameefii akka deebi’an ta’eera jedhan.

Kanaaf jechaa naannoo snatti nagaan bu’eera jechuun Letenaa Jeneraak Asraat Deneeroo dubbachuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG