Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Tigraay Keessaa Daran Yaaddessaa Dha: Dubbi Himaa Tokkummaa Mootummootaa


Faayilii - Dubbi himaa muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Steefen Dujaariik
Faayilii - Dubbi himaa muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Steefen Dujaariik

Dubbi himaan muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Steefen Dujaariik tuuta oduuf ibsa kennaniin, waahiloonni keenya hojii gargaarsa namoomaa kanneen Itiyoopiyaa keessa jiran haalli Tigraay amma iyyuu akkaan laaffataaf tilmaamuun rakkisaa ta’uu nutti himan.

Erga raayyaan ittisa biyyaa magaalaa Maqalee dhiisee erga ba’ee qabee magaalattiin to’anaa adda bilisummaa uummata Tigraay jala jirti. Adirgrat, Adwa, Aksum fi Shireenis akkasuma.

Irra jireessa haalli jiru tasgabbaa’aa ta’us, kutaalee naannoo sanaa hanga tokko keessa lolatu jira. Ibsaa fi quunnamtiin bilbilaa Tigraay guutuu irraa cite kan jiru yoo ta’u, quunnamtiin kan jiru karaa bilbila saatelaayitii fi keellaa tokkummaa mootummootaa Maqalee fi Shiree keessa kan jiru quunnamtii interneetii qofa.

Qaamonni martinuu siivilotaaf eegumsa gochuu dhaan sochii hojjettoota gargaarsaa fi meeshaa gargaarsaa naannoo sana keessaa fi qilleensa irraa fi lafoo mala ittiin dhaqqaban danquu irraa of qusachuu qabu.

Hojiin gargaars namoomaa naannoo sanaaf akka itti fufu gochuuf meeshaa gargaarsaa fi hojjettoota itti dabalaa Tigraayiif erguun, tajaajila ibsaa fi bilbilaa bakkatti deebisuu, maallaqii fi boba’aan naannoo sanaaf dhiyaachuu ariitiin mirkanaa’uu qaba.

Haala isaa itti dhiyeenyaan hordofuu itti fufna, kanaaf lolli hatattamaan dhaabatee walitti bu’iinsi jiru karaa nagana furuuf tarkaanfiin hatattamaa akka fudhataman muummichi barreessaan kan tokkummaa mootummootaa waamicha dabarsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG