Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqatoonnii Itiyoophiyaa Sudaan Keessa Qubataan Balaa Robaatiin Hubamaniiru


Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa Sudaan jiran
Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa Sudaan jiran

Baqatoonii lamiilee Itiyoophiyaa sudaan keessa qubataan balaa roobaatiin hubamaniiru.

Dhaabileen gargaarsaa baqatootaa balaa roobaa torbaan darban keessa qaqabee Kanaan bakkii jireenyii isaanii jalaa diigamee namoota 16,ooo ta’an gargaarudhaaf tattaafachaa jiru.

dhuma ji’a Caamsaa irraa jalqabee amma Waxabajjiitii roobnii hamaan waan tureef baqatoonii gara Sudaan bahaa, buufata Umm Rakuubaaa fi Tunaydbahi jedhamuu ti dunkaanota maatii 10,000 keesaa kan maatii 4,000 mancaaseera.

Balaan qileensaa cimaa, roobaa jabaa dhaa fi cabbii of keesaa qabu kun bakka qulqulinaa dabalatee wannootaan barbaacisaa ta’an jalaa balleesera.

Dhaabata mootumoota gamtoomaniiti dubbi himaan jaarmiyaa dhimma baqattootaa/ UNHCR Booris Cheshirkov akka jedhaniti qabeenyii dhuunfaa baqatootaa Itiyoophiyaa kumaan lakkawamanii lolaadhaan jalaa fudhatameera.

Akka Dubbi himichii dabalanii dubbatanitii baqatoonii lola Tigiraay keesa jiru baqatanii sudaan keesaa qobatan kun gargaarsaa atattamaa barbaadu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG