Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Afgaanistaanii Bahaa Jirti


Buufata Bagram, Afgaanistaan
Buufata Bagram, Afgaanistaan

Yunaayitid Isteets buufataa xiyyaara waraanaa Bagram jedhamu isa Afgaanistaan keesaa qabduu mootummaa Afgaanisaniti dabarsitee kennuudhaan dhiiftee bahaa jirti.

Buufanii Xiyyaaraa kun magaalaa gudditii Afgaanistaan Kaabuul iraa kilo meetirii 60 kan fagaatu hemuu ta’u, yunaayitid isteets balaan fulbaana 11,2001 magalaa New yoorkitii gahee namoonii kumaan lakawaman dhumaanii boodaa waraanaa garee Alqaayidaa fi Taalibaan irratii banamee kaasee garaa wagga 20f itti fayyadamaa turte. Dubbii himaan waraana Afgaanistaan "waraanii Yunaayitid isteet fi shariikonni ishee hunduu Mooraa Bagram gad lakkisanii halkan kaleessaa bahaniiru" jechuudhaan jimaata har’aa mirkaneesaniiru.

Akka haanga’ooni yunaayitid isteets jedhanitii ajajaan waraana Afgaanistaan keesaa jiruu Jeeneraal Austiin Miiler sochii waraa isaanii toochuudhaaf Afgaanistaan keesaa akka jiran ibsaniiru. Akka gabaasini midiyaalee adda addaa jedhuttii amma ayyaana birmadumaa Yunaayitid isteets Adoolesa 4ti waraanii Yunaayitid isteets Afgaanistaan keesaa baha jeedhamee eegamaa.

Dubii himaan garee Taalibaan Zabihullah Mujahid tarkaanichaa simataniiru.

Akka dubbi himaan Taalibaan dabalanii VOA ti himanitii,

"gad lakisanii bahu kana akka tarkaanifii gaariitti fudhaneerra. Umnii alaa guutummaati yemmuu gad lakkisee bahu Afgaanonnii tasgabidhaa fi nageenyatii dhihoo ta’uu danda’u. gad lakisanii bahuun Yunaayitid Isteets fi Afganistaanii bu’aa qabeesa," jedhaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG