Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeeriyaa Keessaa Namoonni Butamuun Ibsame


Maatii namoota butamanii, Adoleessa 5, 2021
Maatii namoota butamanii, Adoleessa 5, 2021

Naayjeeriyaa Kaaba dhiyaa bakka hojjattonni hospitaalaa jiraatan keessaa hidhattonni mucaa umriin waggaa tokko kan Narsii dbalatee namoota hanga saddeetii ga’an butanii jiru.Kana malees hidhattonni kun buufata polisii naannoo sana jiru haleeluu isaanii polisootaa fi aangawoonni hospitaalaa ibsanii jiru.

Kutaa Kaaduunaa keessatti hidhattonni namoota butanii fudhachuun gadhiisuuf immoo gumaa gaafachuun irra deddebi’ee gaggefefamaa jira.Bakka Zariyaa jedhamu kanatti hospitaala sadarkaa guutuu biyyaa kan dhukkuba sombaa fi qurcummaa wal’anuutu argama.

Hospiitaala kana irratti haleellaan ennaa gaggeeffamuu kun yeroo sadaffaa ta’u isaati. Haleellaan kun Dilbata kaleessa ganamaan kan gaggeeffamee ta’u dubbii himtuun hosptaalichaa Rooytarsiif ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG