Xurree ittiin seenan

Breaking News

Karoorrii Pirezdaant Bayidan Talaallii Vaayrasii Koronaaf Baasan Akka Yaadametti Hin Deemne


Faayilii - Pirezdaant Joo Baayden nama talaallii vaayrasii koronaa fudhatu bira dhaabbatanii, Ebla 6, 2021
Faayilii - Pirezdaant Joo Baayden nama talaallii vaayrasii koronaa fudhatu bira dhaabbatanii, Ebla 6, 2021

Lammileen Yunaayitid isteetes akka talaallii farra dhibee Covid 19 fudhachuu itti fufan Prezedaantiin biyyatii Joo Bayideen lamiilee biyya isaanii hubachiisaniiru. Karoorrii talaallii qaqqabsiisuu mootummaan Joo Bayidan amma Aduleesaa 4ti (guyaa birmadumaa Biyyatti) irra gahuuf qopheesee akka yaadametti deemuu hin dandeenye.

Bulchiinsii Bayidan amma aduulesa 4 ti harkaa dhibba keesaa harkii 70 akka guutummaatii talaallii argachuu qabu yaadanis dhaabanii ittisa fi too’annaa dhukubaa biyyatii akka jedhetii lamiilee biyyatii keessa harkii 67 talaallii marsaa duraa yemuu fudhatan kan marsaa lamanuu fudhatan harka 47 qofa.

Irraa aanumaa dhebee koroonaa irratii argame kan dinqisifatan Joo Bayideen balaa lubbuu Amerikaanotaa 600,000 galafatee kana irratii qabsoon godhamuu ammayuu galmaa akka hin geenyee ibsanii , vayiiresii of jijjiree akka haaratii mul’achaa jiruu irraa off eegudhaaf namii hunduu haala talaallii argachuu danda’u irratii akka hojatan Bayiden ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG