Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Naannoo Amaaraa: Walqayit Xagadee kana booda humnaan fudhanna kan jedhu yaadamuu hin qabu


Pirezdatnii Naannoo Amaaraa Agenyoo

Walqaayit Xagadee fi Raayyaa deebisanii qabachuuf sochiin taasiamaa jiru, uummata Amaaraa biratti fudhatama hin qabu jechuu dhaan bulchaan naannoo Amaaraa Agenyoo Teshaager dubbataniiru.

Bulchaan kun itti aansaniis dubbii tuqachuun yoo jiraate naannoon isaanii qophaa’ee akka eegu ibsan. Humni naannoo Amaaraa Tigraay dhiyaa keessaa haa ba’u jechuun haal duree addi bilisummaa uummata Tigraay kaa’etti aansee ti bulchaan naannoo amaaraa ibsa kana kan kennan.

Obbo Ageenyoon dhimmi Walqaayit ilaalchisee gaazixeessota biyya keessaaf ibsa kennaniin kana dubbatan. Gaaffiin Walqaayit gaaffii eenyummaa uummataa waggoota 30 ti jedhan.

TPLFn humnaan naannoleen qabaman fi gaaffii eenyummaa isaaf uummati gatii baaseera kan jedhan obbo Agenyoon, naannoon sun naannoo Amaaraa ti, nu jalatti bulaa jiru jechuun ibsan. Walqayit Xagadee kana booda humnaan fudhanna kan jedhu yaadamuu hin qabu jedhanii TPLF naannoo sanatti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka hin yaadne obbo Agenyoon akeekkachiisaniiru jechuun Aster Misgaanaaw Bahir Daar irraa gabaasteetti.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG