Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Naannoo Amaaraa fi Kan Eertraa Guutummaa Dhaan Tigraay Keessaa Ba’uu Qabu: Ministrii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis


Faayilii - Ministrii Dhimmi Alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinkan

Ministriin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinkan kaleessa muummicha ministeeraa Abiy Ahimed waliin mari’atanii jiran. Ministrichi, qaamotiin martinuu kanneen walitti bu’iinsa biyyattii keessa jiran hatattamaan, yeroo hin mutaa’iniif akkasumas dhukaasa dhaabinsa irratti akka walii galan cimsanii yaadachiisaniiru.

Ministrichi riqichi gara Tigraayitti geessuu manca’uu isaaf daandiin dhabamuu isaa balaaleffataniiru. Humnoonni Eertraa fi kan naannoo Amaaraa guutummaa dhaa Tigraay keessaa akka ba’an dabalatee Adoolessa lama gola naga eegumsaatiin tarkaanfiiwwan tarreeffaman hojii irra oolchuuf akka cichan muummicha ministeera Abiyiin yaadachiisaniiru.

Gargaarsa namoomaaf danqaa malee daandiin akka saaqamu, kanneen dhiittaa mirg namaa suukaneessaa raawwateef itti gaafataman seeratti akka dhiyaatan gochuuf adeemsi ifa ta’e akka jiraatu, daangaan Itiyoopiyaa kan keessaas ta’e alaa humnaan ykn heera biyyaa cabsuun akka hin taane mirkaneessaniiru.

Itti dabaluu dhaanis ministrichi, adda addummaa gosaa fi siyaasaa biyyattiif furmaata waarinsaa fiduuf hojii rakkisaa ta’eef mariin siyaasaa hunda hirmaachise hatattamaan akka gaggeessamu irra deebi’uun gaafataniiru jechuun dubbi himaan ministrii dhimmi alaa Ned Price beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG