Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Lakkoofsawwan Imbaasii Hirrisuun Biyya Baasiirraa Oolchuuf Gaariidha'


Faayilii - Wajjira Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa, FInfinnee
Faayilii - Wajjira Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa, FInfinnee

Ambaasaadderoonni muudaman garuu Dandeettii’rratti hundaawuu qaba’ Ogeessa Diploomasii

Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed, Wixata darbe dubbii paarlaamaaf taasisaniin ka eeran waayee Diploomaasii biyyattiiti. Abiy Ahmed yoo kana Itiyoophiyaan sichi sochii Diploomaasii shee lafaa itti yaaduu qabdii jedhanii, lakkoofsawwan Imbaasii Itiyoophiyaa jiraniirrattis yaada kennaiiru.

‘Lakkoofsawwan Imbaasii Hirrisuun Biyya Baasiirraa Oolchuuf Gaariidha; Ambaasaadderoonni muudaman garuu Dandeettii’rratti hundaawuu qaba’ Ogeessa Diploomasii
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:18 0:00


Proofeeser kaasahun Birhaanuu Yuuniversitii Finfinnee Muummee Barnoota Saayinsii Siyaasaa fi Walitti Dhufeenya Idila Addunyaa yaadni Muummee Ministiraa gma baasii hirrisuun gaaruu tahuu himan. Proofeeser Kaaasahun amma kan hojiirra jiran fi sichis ka muudaman Ambaasaadderoonn Itiyoophiyaa amanamtummaa siyaasaan utuu hin taane dandeettii qabaniin tahuu qaba jechuunis yaada kennaniiru.

Wixata, Hojjaa duree darbe muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed, ibsa paarlaamaf kennan keessatti ijoo dubbii ka ture tokko waayee diiploomaasiiti. Abiy Ahmed dubbii isaaniitiin, eger Ityopphiyaan haala Diiploomasiishee seccaatee ilaaluu qabdii jedhan yo odubabatan.

Muummeen Minsitiraa Abiy, Itiyoophiyaan Keessumaa gama Diiploomaasiin Ministeera Haajaa Alaashee ilaatee sirriitti lalfaa sakattawuu qabdi jedhu.

“Kabajamtoonni mana maree kanaa akka bartan waantin fedhu, lakkoofsa Imbaasilee fi qonsiilaawwanii Itiyoophiyaan qabdu ka jaatamaa ol taha jedhame dha. Waayee kana gadi fageenyaa gaafachuun barbaachisaadha jedheen amana. Dhugaattuu Itiyoophiyaan Imbaasii haganaa ishee abrbaachisaa?.... kun dhugaa nun barbaachisu.” Jedhan Muummeen Ministiraa Abiy dubbii paarlaamaaf dubbataniin.

Muummeen Ministiraa Abiy Imbaasiiwwani fi Qonsiilawwan Itiyoophiyaan amma qabdi jedhan 60 keessaa 30 cufamuu qaba jedhan; kanaafis akka sababaatti kan kaa’an; Imbaasiin hagas baayyachuun biyyattii baasii sharafa alaa baayyeef saaxile kan jedhudha.

Kanarrattis Abiy Ahmed, fakkeenya fudhatanii ka dubbatan Imbaasii Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru. “Fakkeenyaaf ambaasaadderri ani Keeniyaa qabu, ministira haajaa alaa biyyattii yoo baayyate waggaatti ykn waggaa lamatti ka ittiin wal argee mariyatu. Waayee keeniyaa achis taayee gaazexaarraa dubbisaa asis taawu gaazexaadhuma ka dubbisu, kanaaf as taayee beellama qabatee gaafa beellamnisaa gahe dhaqa. Biyyonni baayyeen Kooronaa jecha hirrisaniiruu,nus bakka bakkatti imbaasii banuun nun fayyadu ministeerri haajaa alaa kana ni sirreessa jedheen abadadha” jedhu yoo murtee tahuu male dubbatan.

Muummeen Ministiraa Abiy keessumaa mootummaan Fulbaana booda hundaawu lakkoofsa Imbaasii kana hin keessummeessuu jechaan ifatti dubbataniiru yeroma kana. Proofeeser Kaasaahun Berhaanuu Yuuniversitii Finfinnee Muummee Barnoota Saayinsii Siyaasaa fi Walitti Dhufeenya Idila Addunyaatti barsiisaa ka tahan dubbii Muummee Ministiraa kanarratti yoo yaada kennan kun tarkaanfii sirriidhaa jedhu.

Proofeeser kasaahun, Biyyi akka Itiyoophiyaa galii sharafa alaa xiqqaa qabdu embaasiwwan bakka hundatti banuun baasii guddaaf ishee saaxila jedhan. Kanaafis akka fakkeenyaatti dubbuma Muummee

Ministiraa Abiy irraa ka’anii fakkeenyaaf baha Afriikaa keessaa Itiyoophiyaan, Keeniyaa, Ugaandaa, Tanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa keessa Imbaasii qabdi jedhanii kun garuu bakka tokkotti waan hedduummateef barbaachisaa mitii jedhan. Kanaaf bakka tokkotti biyya jiddu galeessa fi michummaa gaarii fi barbaachisaa taate keessatti Imbasiin takk hundaayee biyyoota ollaas wal duuka hordofuu qaba jedhan yoo yaada kennan.

Proofeeser kasaahun akka fakeenyaatti kan kaasan Kaanaadadha. Kaanaadaan Itiyoophiyaa keessaa Imbaasii hin qabdu, garuu Imbaasiishee Keeniyaa jiruun dhimma Itiyoophiyaa fi gaanfa Afriikaa raawachiifattii jedhan. Murteen kun dhibbaa Diiploomasii amma Itiyoophiyaarra jiru ittuu hin caalchisuudha gaaffiin itti aanu an kaaseef.

Kanaafis yoo deebii kennan dhiibbaan diiploomaasii baayina Imbaasiin hin hirratu; jedhu. Kanaafis waanti sirriin Itiyoophiyaan imaammata alaashee sirreessitee faayidaa ishee kabachiifachuuf yoo carraqxe qofaa injifatti jedhan.

Itti dabalatas asirratti kan kaasan waayee Ambaasaadderoota biyyattii bakka bu’aniiti. Yoo yaada isaanii kennanis Ambaasaadderoonni biyya bakka bu’an dandeettii isaanii, jaalala biyyaaf qabaniin male Kootaa ykn waan kaaniin ilaalamuu hin qabanii jedhu.

Muummeen Ministiraa Abiy ka dubbatan waayee lammilee Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan duula diiploomaasii keessatti gargaaramuuti. Proofeeser kasaahun wanni kun addunyaa mararratti wanna baramee jechuuni kan ibsan.

Yeroo dhiibbaan Diiploomaasii biyyattiirratti baayyate kana murtee akkasii fudhachuun sirriidhaa gaaffii jedhuufis yoo deebisan, Imbaasii hedduu alatti qabaachuun dhiibbaa diiploomaasiirraa biyya hin oolchu, faayidaa biyyaa eegsisuutu irratti xiyyeeffatamuu qabaadha Ka jedhan Proofeeser Kasaahun miishoorratti.

Dubbiin Muummee ministiraa Dafinoo darbee garuu Keeniyaatti ijoo dubbii ture, Gaazexaawwani fi Sabahimaaleen biyyattii keessa jiran mootummaan itiyoophiyaa Imbasii Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru cufuufi oduu jedhu ballinaan gabaasani.

Kanaaf ka deebii kennan Melles Alem Keeniyaatti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa Muummeen Ministiraa dubbiin isaanii haala sirrii hin taaneen hubatamee jechaan deebisan.

Itiyoophiyaan biyyoottan Baha Afriikaa keessaa, Keeniyaa, Ugaandaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa fi Jibuutii, keessaa Imbaasii qabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG