Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Waraana Isaa Tigraay Keessaa Utuu HIn Baasin Uummatichi Akka Gargaaramu Haala Mijeesseera: Ministeera Nagaa


Aadde Mufriyaat Kamaal (Suuraa faayilii)
Aadde Mufriyaat Kamaal (Suuraa faayilii)

Mootummaan Itiyoopiyaa hanqinni dhiyeessii midhaanii akka hin uumamneef hojiin dursanii of eeggannoo hojjetamuu isaa fi ammas haala mijataa uumuuf yaaliin taasisamaa jiraachuu beeksise.

Mootummaan Itiyoopiyaa murtii lola dhaabiinsaa murteessee Tigraayiin dhiisee ennaa ba’u, ittiin ka’umsi isaa hawaasichi tajaajila barbaachisu akka argatu yaaduu dhaan jechuun ministrittiin nagaa aadde Mufriyaat Kamiil VOAf ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoopiyaa murtii dhukaasa dhaabinsaa inni murteesse, akeeki isaa tajaajila namoomaa dhiyeessuu irratti kan hundaa’ee dha. Bu’uurri murtii sanaa tokko isa kana. Gama sanaan Meqelee keessaa

yeroo dhaaf ennaa baanus midhaan gara kuntaala 384,000 keenyee baane. Kunis uummatichi akka hin rakkanne, tajaajila akka argatan gochuuf dhaaboliin gargaarsaa sadarkaa addunyaa shan kanneen mootummaa waliin hojjetan jiru. Dhaaboliin kun hojii isaanii akka itti fufan gochuu carraa dandeessisu uumnee baane jechuu dha jedhan

Kanneen lafoo fi xayyaaraan deggersa Tigraayiif erguu barbaadan maraaf daandiin banaa ta’uu isaaf martinuu garuu sakatta’aman malee hin darban jedhan aadde Mufriyaat.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG