Raayyaan waraana Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessaa ba’uutti aansee hanga ammaatti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen namoonni nagaan 50 ta’an ajjeefamuu paartiin dimokraasummaa Raayyaa Raayyummaa ibsee jira. Humnoonni TPLF tarkaanfii fudhataniin namoonni kuma 30 ol ta’an qe’ee irraa buqqa’uu isaanii fi dargaggoonni hedduun hidhamaa jiraachuu itti gaafatamaan hariiroo alaa waajjirichaa Getaachoo Kebede VOA ibsaniiru.
Raayyaan waraanaa sababaa inni gamasii ba’eef kan deggeran dura taa’aan paartii dimokraasummaa Tigraay Dr. Aregaawwii Berihee, naannoo sana keessatti miseensonni isaanii 22 humnoota TPLFn ajjeefamuu ibsaniiru. Maqalee keessaa ba’uu dhaan Finfinnee keessa kan maadheffate bulchiinsi Tigraay kan yeroo labsii dhukaasa dhaabinsaa sanatti aanee gabaasaalee wabeeffachuu dhaan haalli qabatamaan naannoo sanaa hamaa ta’uu ibsee jira.
Dhaabolii gargaarsaa kan tokkummaa mootummootaa dabalatee hawaasi addunyaa gocha TPLF cimsee akka balaaleffatu bulchiinsi kan yeroo sun gaafatee jira jedha Kenedii Abate Finfinnee irraa.