Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Mirga Namaa Yakka Tigraay Keessatti Raawwatameef Murtii Kennuu Qaba Jedhame


Gabaasaan dhittaa mirga namaa hamaan naannoo Tigraayii dhaga’amaa ennaa jiru kanatti gumiin mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa dhimmi Tigraay ajandaa isaa irratti dabaluuf yaada murtii dhiyeessuuf itti yaadaa jira. Hatattamaan ta’uu qaba.

Hawaasaaleen Tigraay keessaa baatilee dhaaf dararaa hamaan irratti raawwatamuu isaaf komishinerittiin sadarkaa ol aanaa dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Michelle Bachelet akka jedhanitti yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa ta’uu mala.

Gumiin mirga namaa mariin isaa kan ammaa ennaa banamu komishinerittiin ol aanoon kun ajjeechaa seernaan alaa, murtii malee hidhaatti darbamuu, humnaan qe’ee irraa buqqa’uu fi ijoollee fi ga’eessota irratti kan raawwataman hookkarri saalaa dhiittaa mirga namaa hamaa fi yakka ta’uu akeekkachiisaniiru.

Bakka bu’aan dhimmootii hookkara saalaa kan naannoo walitti bu’iinsa keessaa, irra deddeebi’uu dhaan humnaan gudeeddii fi hookkarri saalaa Tigraay keessaa akkaan yaaddessaa ta’uu isaa fi miseensonni waraanaa dhiirota ta’an haleellaa quunnamtii saalaa raawwachuu dabalatee gara jabina samuu namaan olii ta’e raawwatamuu ibsaa turan.

Abbaan alangaa muummichi gumichaaf akka ibsanitti ba’iin qorannoo ni beeksisama jedhanii, sadarkaa amma irra jiruun waa’ee ba’ii qorannoo mari’achuun amanamummaa adeemsa jiruu dadhabsiisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG