Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Erga Walabummaa Ishee Gonfattee As Biyyattiin Dararaa Hamaa Keessa Dabarte


Sudaan kibbaa guyyaa walabummaa ishee kan kurna tokkoo har’a ennaa kabajju biyyattiin wal waraansa keessatti waan danqamteef jecha hagas hin kabjamne. Adoolessa 9 bara 2011 biyyattii haaraan addunyaa kun ennaa dhalattu, uummati Sudaan kibbaa Sudaan irraa adda ba’ee biyya ta’uuf qabsoo geggeessaa ture ija godhachuu isaatti gammadee ture.

Garuu gammachuun sun yeroo gabaabaaf ture. Waggaa lama booda Sudaan kibbaa lolatti seenet. Hojiin biyya ijaaruu kanneen ishee bilisoomsan biyyatti addaan qoodanitt nagaa fi badhaadhinaaf abdii guddaan ture ni irraanfatame,

Uummanni 400,000tti hedamu bara 2018 keessa walii galteen dhukaasa dhaabinsaa utuu hin tolfamin dhume. Biyyattiin fayyuuf hedduu rakkatte, isa kana duraa beela, sabatiinsi siyaasaa dhabamuu, rakkoon dinagdee akkasumas balaa uumamaan caalaa laaffataa taate.

Briteen, Noorweey fi Yunaayitid Isteetis waliin ta’uun ibsa baasaniin seenaa biyyattii reef hundoofte kanaa kan waggaa 10 keessatti dararaa hedduutu mul’ate. Kanaaf abdii ifaa ta’e ijaaruuf hedduun gamtaan hojjechuuf murannoo isaan agarsiisan ni dinqisiifanna. Waadaan nagaa fi badhaadina walabummaan sun bakka bu’u guutuu dhabuu isaatti garuu ni gaddina jedhan.

Prezidaant Saalvaa Kir haasaa guutuu biyyaa dhageessisu jedhamee eegama, garuu sirni ayyaaneffannaa dararaa waggoota 10 yaadachuuf geggeessamu garuu hin jiraatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG