Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmuun Waraanaa Yunaayitid Isteetis Kan Afgaanistaan Keessaa Hagayya 31 Akka Xumuramu Baayiden Beeksisan


Prezidaantii Yunaaytid Isteetis, Joo Baayiden
Prezidaantii Yunaaytid Isteetis, Joo Baayiden

Prezidaanti Joo Baayiden ergamni waraanaa Yunaayitid Isteetis kan Afgaanistaan. Hagayya 31 kan xumuramu ta’uu beeksisan. Kamisa kaleessaa White Housetti haasaa kan dhageesisan Baayiden, Ameerikaan waraansa yeroo dheeraa dhaabuuf murtii irra ga’an faarsanii jiran.

Presidaant Baayiden haasaa isaanii keessatti akka jedhanitti kurna lamaa oliif doolaara triliyoonaan laka’amu erga ba’ee, miseensonnni waraana Ameerikaa 2,400 du’anii booda Yunaayitid Isteets bara 2001 keessa Afgaanistan keessa kan maadheffate AL-Qaa’idaan erga inni biyyattii haleelee booda imaammata jirutti cichuu hin dandeessu jedan.

Yunaayitid Isteetisiif dhimmi inni ijoon kan yeroo ammaa jedhan Baayiden, weerarri vaayiresii itti aanu yoo jiraate qophaa’uu, Chaayinaa waliin dinagdee dhaan dorgomuu fi yaaddoo jijjiiramni qilleensaa qabu dura dhaabachuu dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG