Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaaddoo fi Rakkoo Baqattoota Tigraay Keessaa Hawaasnii Addunyaa Furuu Qaba:Ejeensii Itiyoophiyaa 


Ijoolee mooraa baqattoota Eertiraa Adii Haruush Maayi Seberii duratti tabatan, Tigraay, Waxabajjii 26, 2021
Ijoolee mooraa baqattoota Eertiraa Adii Haruush Maayi Seberii duratti tabatan, Tigraay, Waxabajjii 26, 2021

Baqattoota Ertraa kanneen bulchiinsa naannoo Tigraay keessa jiran irratti haleellaan dhaqqabaa akka jiru Ejeensiin godaantootaa fi kanneen godaansaa deebi’an kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Dhimma kana irratti RSA waliin gaaffii fi deebii kan gaggeessan daayrekteerrii hariiroo alaa kan ejeensichaa Beakaal Nigusee mooraa godaantootaa kan bulchiinsa naannoo Tigraay keessa jiru arfan keessaa mooraa Shimalbaa fi Hitsaas keessatti yeroo wal waraansii jalqabamee sana Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF)n midhaan irra ga’e kan cuufaman yoo ta’u baqattoota addaan faca’an keessaa kuma 9 kanneen caalan walitti qabamuun gara mooraa baqattootaa warra hafan lamaanti galuu isaanii ibsan.

Ta’uus garu baqattonni yeroo ammaa addaan faca’anii jiran irratti haleellaan gaggeeffamaa akka jiru ragaan jiraachuu akkasumas Takazee ce’anii naannoo Maaytsebrii kanneen jiran mooraa lama keessa godaantonni jiraniis rakkoof saaxilamuun ibsanii jiru

Yaaddoo fi rakkoo baqattoota kanaa furuu waliin wal qabatee hawaasnii addunyaa itti gaafata irra jiru akka ba’u Obbo Beakaal gaafatanii jiru. Tokkummaa mootummootaatti komishainarri olaanaan kan waa’ee baqattotaa dhimmi baqattoota kuma hedduu kannee Tigraay keessaa akkaan kan isaan yaaddeesse ta’u dhimmi kana kan ilaaleen gama TPLF irraa kan dubbatamee hin jiru jechuun Keneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Haallii Baqattonni Ertraa Kanneen Tigraay Keessa Gad Adeemaa Jira :UNHCR

Mooraa baqattoota Ertraa kanneen bulchiinsa naannoo Tigraay keessaa Maay Eynii fi Addii Haarush keessa guyyoota darban lamaaf wal waraansii hammaachuu isaan kan ka’e haallii jiru caalaatti ariitiin gad adeemaa kan jiru ta’u dhaabnii baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa (UNHCR) ibsee jira.

Yoo xiqqaatee baqataan Ertraa tokko ajjeefamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u hedduun hidhamuu isaanii gabaasnii qabatamaatu jira.Kana malees hidhuu, reebuu, saamiinsaa fi darbee darbee dhukaasii akka jiru gabaasaalee qabatamoo ta’antu jira jedhame.

Baqattoota kuma kurna hedduu kanneen lubbuu isaaniif yaaddoo qaban sodaa nageenyaa fi sochii humnootii waraanaa naannoo sana jiruun kan ka’e ba’u sodaatanii achuma jiru.Iddoo sanatti Kan dhaaba baqattootaa (UNHCR)f hojjatu namnii tokko akkasumas michonni hojii gargaarsaa kanneen biroon baqattoota gargaaruuf mooraa sana dhaqqabuu hin dandeenye.Kanaaf jecha mootummaan Fedeeraalaa kan itiyoophiyaa fi bulchiinsii mootummaa naannoo Tigraay seera addunyaa jalatti dirqama irra jiru akka ba’an kunis chaartara siviilootaa kan mooraa baqataa keessaa akkasumas mirga baqattootaa fi siviiloota maraa dinummaan wal ilaaluu irraa eegumsii akka godhamuuf dhaabnii baqattootaa gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG