Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Dheessuun Ummanni Godaanaa Jira


Faayilii - Humnoota Tigraay, Maqalee, Waxbajjii 29, 2021
Faayilii - Humnoota Tigraay, Maqalee, Waxbajjii 29, 2021

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ykn TPLFn kan hogganamuu fi human Tigraay jedhee qaamnii of-waamu godiina addaa Waag Haamraa fi naannoo Abargallee to’achuu isaa hordofee namoonni kuma hedduun jiraattonni Niruuwaaq fi naannoo gara magaala guddoo godinaa kan taate Saqooxaatti godaananii kan jiran yoo ta’u kunis raayyaan waraanaa Itiyoophiyaa gadhiisee eega ba’e booda ta’uun gabaafamee jira..

RSA bilbilaan kan isaan dubbisee akka jedhanti magaala Abargallee irraa Niiraaq achis hanga saqooxaatti kiloomeetra 67 lafoo deemuuf dirqaman.Namnii biraa yaada kenneen Niraaq irraa saqooxaa dhaqqabuuf guyyaa sadiif imaltuu rakkisaa keessa akka turan dubbatan.

Waan gaddisiisaan jedhan, naannoo keenya gadhiifnee ennaa baanuu qabeenyaan horannee saamamee kaan immoo akka barbadaa’uu ta’e jedhan.

Magaala Saqoxaa eega seenanii booda, qilleensa qabbana’aa, hanqiina nyaataa fi bakka dahannaa dhabuun miidhamuu dubbatu.Mootummaanis ta’e uummanni gargaarsa dhala namaa nuuf haa kennuu naannoon keenyas tasgabaa’ee gara qe’e keenyaatti haa deebiinu gaaffii jedhu qabu.

Bulchiinsii sablammootaatti waltaasisaa sagantaa ittisa balaa fi wabii nyaataa kan ta’an Obbo Melkaamuu Dastaa akka jedhanti, haala hin eegamneen raayyaan ittisaa gadhisee ba’uu fi qaamoleen hawaasaa hedduun godaananii dhufuun, deggersa gochuuf yaalii ta’u wal xaxaa taasisee jedhan.

Ta’uus garu mootummaan naannoo deggersa hatattamaa akka godhuuf dhimmi kana ibsineefii jirra jedhan.

Gama kaaniin bulchiinsii mootummaa naannoo Affaar shoroorkeessaa fi Juntaa jechuun kan waamee TPLF qonnaan bulaa Affar irratti waraana banuu isaa kaleessa ibsa baaseen kan hubachiisee yoo ta’u mootummaan uummata waliin wal ta’uun akka of irraa qolatuu beeksisee jira.

Ummanni Itiyoophiyaas akkuma baratamee harka wal qabatee afuurrii kanneen weerara raawwatanii akka cituu gochuu qaba jedha,Dhaabatii oduu Ajaans Fraans Prees duullii waraanaa nannolee ollaatti ce’eera jechuun dubbii himaa Hiwahaat Geteechii Raddaa maqaa dhahuun gabaaseejira.

Nannoo Affaariitti tarkaanfii kan fudhanne humnootiin naannoo Oromiyaa irraa iddoo sana dhufan gara dhufanti deebisuuf turee, kunis nu milkaa’ee jira jechuu isaanii gabaaseera jechuun mesfinArraagee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG