Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Gargaarsa Dhaqqabsiisuuf Karaan Banamuu Qaba: WFP 


Bulchiinsa naannoo Tigraay lafa uummanni Miliyoona 4tti tilmaamamuu beelaan rakkataa jiru seenuun akka danda’amuuf jaarmayaan sagantaa nyaata addunyaa irra deebi’uun iyyatee jira.

Oduu gaarii xiqqoo tokko jiruun jedha sagantaan nyaata addunyaa, hojjattoota gargaarsaa 30 fi gargaarsa dhala namaa barbaadamuu gara magaala maqaleetti geessuun danda’amee jira jedha.

Xayyaarri kun balalii imaltootaa yeroo baatii tokko guutuuf jedhu keessatti isa duraa Kamiisa kaleessaa gaggeesite.Xayyaaroonni imaltootaa gara Tigraayti balalii’uu kan dhaaban Waxabajjii keessa ture.

Jaarmayaan kun torbanti yeroo lama balalii akkasii gaggeessuuf karoorfatee kan jiru yoo ta’u hojjattoota gargaarsaa fi gargaarsa dhala namaa xixxiqqaa Tigraay seensisuu ykn Tigraay irraa iddoo biraa geessuuf gargaara.

Kutaa sana keessa gargaarsa dhala namaa dhaqqabsiisuun rakkoo ta’uun itti fufuun isaa, tajaajiillii qunnamtii akkasumas qunnamtiin daldalaa hanqiina nyaataa fi meeshalee kanneen biro jiraaachuun akkaan kan isa yaaddeesse ta’u jaarmayaan sagantaa nyaata addunyaa hubachiisee jira.

Rakkoon jiraatuus baatii darbee kibbaa fi Kaaba dhiyaa keessatti namoota kuma 700 fi kuma 30f gargaarsa nyaataa raabsuu isaa, guyyoota dhufan kana keessa Kaaba dhiyaa keessatti namoota kuma 80 dhaqqabna abdii jedhu qaban.

Tigraay keessatti uummata kan afaan beelaa jiran Miliyoona 2.1 dhaqqabuuf kaayyoo akka qabu, konkoolaataan jaarmayaa isaanii kanneen 200 caalaan nyaataa fi gargaarsa biraa fe’an magaala Semera kan bulchiinsa naannoo Affaar keessatti qopha’anii akka jiran jaarmayichii ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG