Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Hojii Hojjetanirraa Fayyadamuu Dhabuu, Hiyyuma Biyyaa fi Copyright’n Artiistota Miidhaa Jira’ Ogeessa


Faayilii - Gabaa Markaatoo, Finfinnee
Faayilii - Gabaa Markaatoo, Finfinnee

Gaazexeessaa, barreessaa ka tahe Zemedkuun Misgaanaw dhimma Artiistotaa itti siqeenyaan nama hordofuudha. Itiyoophiyaa keessatti artiistonni rakkoo walxaxaa keessa jiru jedha. Tokkoffaa waan hojjetanirraa haga malu hin argatan, darbees biyyi diinagdeen ka guddatte waan hin taaneef waan sabaaf dhiyeessanis gurgurachuun rakkoodha jedhe VOA’tti yoo himu.

‘Hojii Hojjetanirraa Fayyadamuu Dhabuu, Hiyyuma Biyyaa fi Copyright’n Artiistota Miidhaa Jira’ Ogeessa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:28 0:00

Kanarraa kan kahes yeroo dhukkubsatanii fi balaan addaa yoo isaan dhaqqabu bakka hin malletti kufu, harka namaa ilaaluuf dirqamuu jedha.

Nuhoo Goobanaa, weellisaa Oromoo weellisa hedduun qalbii namaa harkaa qabudha. Waggootaan dura, karaa biyya arabaa bahuun achiis gara biyyoota lixaatti sokkee ganna hedduuf jiraateera jedha ilmi isaa Obsaa Nuhoo Mohaammed Goobanaa.

Obsaan Abbaan isaa weelluun akkas jaallatamu, amma dhukkuba onnee dhukkubsatee haala inni itti keessa jiru yoo ibsu, dursa ganna jaha dura dhibeen onnee isa qabee jedhe. Achiis dhibeen kuni ganna lamaa as itti cimaa dhufe jedhe.

Achiis dhaqna isaa gartokkee isa adoochee, dubbiis akka isa dadhabsiise himee, amma dhibeen sukkaaraas itti dabalamee dhukkubsataa jiraa jedhe.

Obsaan, Nuhoon akka biyyaa bahu itti himus, sanaaf fedha hin godhannee jedhe. Dabalees yoo dubbatu, abbaan isaa walleewwan isaa hojjete, biyyaaf dhiyeessuuf dhimmaa ture male, qarshiif hojjetaa hin turree jedha.

Keessumaa yoo yaadatu, album ‘911’ jedhu yoo baase abbaan isaa Nuhoo Goobanaa, ‘dhaamsi kiyya nama bira naaf haa gahu jechaan qarshii gadi bu’aatti gurgure’ jedhe.

Zemedkuun Misgaanaaw, Gaazexeessaan dhimma artiistotaa kana quba qabu. Artiistonni akka Nuhoofaa akka waan hojjetanirraa hin fayyadamne wanna taasisa jedhu akkasitti ibsa.

Zemedkuun yoo dubbatu, tokko haala diinagdee biyya keessaa jiru kaasa. Keessumaa biyya jiraattonni hedduun galii hi nqabne keessatti artiistiin takka yoo hojii hojjete hin gurguranne, rakkoo keessa bu’uun waan hin oolle jedha.

Gama biraan gurgurtaa albamiin ala maddi galii artiistotaa cufaadha jedha. Keessumaa biyya keessatti artiistonni qophii album itti eebbifatan yookiin cidha sirbaa qopheeffachuun isaan rakkisaa jedha. Kanaaf album takka baasanii waanti isaan argatan murtaawaa waan taheef rakkoo itti dhufu of oolchuu ni rakkatu jedha.

Zemedkuun dabalee yoo dubbatu, haalli kun jiraachuun artiistonni kalaqa haarawa akka qabatanii hawaasaaf hin dhiyaannee dhiibbaa qabaa jedhe. Dabalees keessumaa waldaan artiistotaa hundaayee jiru wanna kana furuu qabaa jedhe.

Artiisti Tsaggaayee Dandanaa Walitti qabaa Waldaa muuziqeessitootaati. Innis waan Zemedkuun jedhe irra deebiin dubbate. Keessumaa teeknooloojiin muuziqaa fooyya’aa dhufuun fi haalli gabaa biyya keessaa jiruu waan kana ittuu balleesse jedhee waa’ee Waldaa gaggeessuus akkasitti hime.

Tsaggaayeen (Sayyoon) Waldaan Muuziqeessitootaa warra ogummaa kana keessa jiru gurmeessuuf, mirga isaanii kabachiisuuf hundaye jedha. Kanaafis gama ogummaa rratti male gama tumsa hawaasummaaf hin dirqamu jedha. Haa tahuu malee akkasumaan dhuunfaan yoo nami rakkatu name wal gargaaruun barmaatan jiras jedhe.

Artiisti Sayyoo Dandanaa; wal gurmaayinsi gargaarsaaf gaarii tahuu eeree, Artiistonnis waan argatan irraatii aadaa waa qusachuu guddifachuu baruu qabus jedheera.

Zemedkuun Misgaanaaw, Gaazexeessaan waayee artiistotaa maxxasawwan fi qophilee gara garaa dhiyeessu, Waldaan kun qaama hawaasaa fi artiistota walitti fiduun waan kana furuun karaa filatamaa akka tahes yaadasaan eerera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG