Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa Keessatti Vaayrsiin Deltaa Hammaataa Jira:Dr. Antonii Faawchii 


Yunaaytid Isteetes keessatti yeroo vaayrasiin bifa jijjiratee fi hattamaan daddabraa jiru Deltaa jedhamuu keessumaa kutaalee uummanni talaalii fudhachuu didee keessatti, yaaddeessaa ta’u hayyuu gameessii dhukkuubooata Daariqaa ykn infeekshiin Dr. Antonii Faawchii Dilbata kaleessaa akeekkachiisanii jiru.

Kallattii sirrii hin taanee irra jirra jechuun CNNf kan ibsan Faawuchiin uummata Amerikaa harka 50 kan ta’u hin talaalamiin jira.Kun rakkoo dha, ofii keenya balaaf saaxillee jirra jedhan gorsaan sadarkaa olaanaa kan prezidaant Baaydin, Antonii Faawuchii.

Talaalii irratti shakkiin jiruu fi yaada mootummaan talaalamaa jedhee dhiyeessuu irratti dura dhaabannaan jiru jabaatee jira jedhan.

Yunaaytid Isteetes keessatti Sambata darbee namoonni kuma 51 haaraa vaayrasiin qabamuun kan gabaafamee yoo ta’u, kunis torban lamaan darbana keessaa harka 172 dabaluu agarsiisa kan jedhan Dr. Faawuchiin, torbaneen dhiyeenya kanaa keessaa guyyaa guyyaan namoonni 250ni kan du’an ta’u ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG