Baqattonni Itiyoophiyaa kanneen kuma 5 ta’an guyyoota dhufan keessa gara Sudaanti ce’uu jedhamee kan eegamuu ta’u aangawoonni Sudaan dhaabbata oduu Ajaans Fraans Prees Robii jedhamuuf har’a ibsanii jiru.a
Kunis walitti bu’iinsa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduu kan dhiyeenyaa dheessuun ta’uun beekamee jira.Gara jalqaba torban kanaatti lammiwwan Itiyoophiyaa kuma 3 gara biyya ollaa taatee Sudaanti kan ce’an yoo ta’u kunis waluumaa galan lakkoofsa lammiwwan Itiyoophiyaa biyyatti gama kaabaa keessaa dheessuun Sudaan seenanii gara kuma 60maa geesisee jira.
Wal waraansii hammaataa deemuu isaan kan ka’e Saatilee dhufa 48 keessatti kanneen kuma 5 ta’an sudaan keessatti dahannaa siyaasaa gaafachuuf jirujechuun kan dubbatan aangawaan Sudaan, kunis biyya isaanii gama bahaa kutaa Kasalaa kan daangaa Itiyoophiyaatti dhiyoo ta’e keessatti jedhan.
Roobnii hamaan jiru lageen naannoo daangaa jiran akka guutan waan godheef jecha lammiwwa Ititoophiyaa 3 Kibxata kaleessaa ce’uuf ituu yaalanii bishaaniin nyaataman jedhan angawaan sudaan.