Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Naannoo Kibbaa Wal Ga’ii Geggeesseen Itiyoopiyaan Rakkoo Isee Mudate Irra ni Aanti Jedhe


Magaala Hawaasaa (suuraa faayilii)
Magaala Hawaasaa (suuraa faayilii)

Manni maree naannoo uummattoota kibaa wal ga’ii marsaa 5ffaa kan waggaa hojii 6ffaa wal ga’ee walii gala kan mana maree fi idilee 13ffaa kan geggeesse yoo ta’u, afaan yaa’iin mana marichaa aadde Helen Debebee Itiyoopiyaan qormaata ishee mudatuun oli jedhan.

Garee biyyattii diiguuf shire fi haleellaa isaa gama fashaleessuutiin, wareegma baasan kan ittiin jedhan raayyaa ittisa biyyaa, humnootii naannoo fi dargaggoota Itiyoopiyaaf manni maree sun dinqisiifannaa inni qabu ibsaniiru.

Manni maree kun waggoota ja’an darban hojii inni hojjete illee tarreessanii jiran. bulchaan naannoo kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw gama isaniin, karoora waggaa bajataa mootummaa naannoo kan bara 2014 ennaa dhiyeessan akka dubbatanitti, biyya dhiiguuf humni karoorfate, sabaa fi sablammoota uummata kibbaa gidduutti walitti bu’iinsa uumanii naannoo sana dadhabsiisuu ture jedhan.

Kanaafis fakkeenyi naannoon sun walitti bu’iinsawwan hedduu keessa darbuu isaa ti jedhan. Uummanni naannoo fi mootummaan isaa shira diinaa fashaleessuuf ol aantummaa biyyaa kabachisuuf qooda gama isaa ni ba’a jechuu dhaan obbo Ristuun dubbataniiru.

Manni maree sun gumii isaa bor kan xumuru ta’uun kan ibsme yoo ta’u, bajata mootummaa naannoo sanaa kan bara 2014 ni raggaasisa jedhamee eegama jechuun Yonaattaan Zebdiwoos gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG