Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsii Dhukaasa Dhaabinsaa Booda TPLF Lola Itti Fufeen Uummati Hedduun Qe’ee Irraa Buqqa’an Jedha Bulchiinsi Naannoo Amaaraa


Faayilii - Dubbi himaa mootummaa naannoo Amaaraa, Gizaachew Muluneh
Faayilii - Dubbi himaa mootummaa naannoo Amaaraa, Gizaachew Muluneh

Mootummaan Itiyoopiyaa lola dhaabinsa erga labsee booda addi bilisummaa uummata Tihgraay lola itti fufeen keessumaa Qobboo fi naannolee wal daangessan irraa namoonni kummi 200 ol qe’ee irraa buqqa’aniiru jedhan.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Amaaraa Gizaachew Muluneh har’a VOAf akka bsanitti naannoo sanaa sababaa walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaan qe’ee irraa kan buqqa’e uummata kuma dhibba 500tti hedamutu gargaarsa nyaataa kan hatattamaa isa barbaachisa jedhan.

Rakkoon jiru irra deddeebisamee ibsamus hawaasi addunyaa deebii tokko kennuu dhabuun illee kan isaan gaddisiise ta’uu dubbi himaan kun ibsaniiru.

Obbo Gizaachoon akka jedhanitti mootummaan Itiyoopiyaa lola dhaabinsa labsee waraana isaa erga baasee booda TPLF gara naannoo Amaaraa seenuu dhaan naannolee wal daangessan irratti haleellaa raawwate jedhan. Naannoo Amaaraa TPLF to’ate keessaa dargaggoota ajjeesaa, dubartoota humnaan gudeedaa fi saamicha raawwataa jira jedhan.

Hoogganaa adda bilisummaa uummata Tigraay ta’uu isaanii kan dubbatan jeneraal Tsaadiqaan Gebretinsaay, BBC Worldf akka himanitti naannoo Amaaraa fi Afaaritti haleellaa kan banneef, mootummaan federaalaa haal duree nuti lola dhaabiinsaaf keenye akka simatu dirqisiisuufi jedhan.

Gama biraan dubbi himaan TPLF Geetaachoo Reddaa ergaa twitter maxxansaniin, mootummaa federaalaa fi angawoota naannoo Amaaraa qeequu dhaan humnootii addaa fi qonnaan bultoota isaan naannolee irraa waaman gara isaan dhufanitti ni deebisna jechuun isaanii ni yaadatama jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaasteetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG